6 Ammalle Mootiin Waan Maraa Saamu'el waamee, innille ka'ee gara Elii dhaqee, «Ati waan na waanteef, kunoo, ani as jira» jedheen.
8 Ammalle Mootiin Waan Maraa yennaa sadeesso'oo Saamu'el waame; innille ka'ee gara Eli'ii dhaqee, «Ati waan na waanteef, kunoo, ani as jira» jedheen.
10 Mootiin Waan Maraa dhufee achi dhaabbate; akkuma qaraa, «Saamu'el! Saamu'el!» jedhee waame;
11 Achiin duuba, Mootiin Waan Maraa Saamu'eliin, «Kunoo, ani Israa'el keessatti waan dhage'iisaaf gurra namaatitti hin tolle hin godha. 12 Guyyaa san ani jalqabaa kaasee haga dhumaatitti waan Eli'ii fi maatii isaa irratti dubbadhe mara hin muummessa. 13 Ilmaan isaa ana Waaqa akka faanshessite adoo beekuu, isaan waan hin xixiniif, yakkaa inni beeku saniif ani maatii isaa haga bara baraa akka adabu isatti himeeraayyu. 14 Tanaaf, ani ‹Yakkaan maatii Eli'ii ciinca'aan yookiin kennansaan haga bara baraa gumaan hin kennamu› jedhee maatii Eli'iitiif kakadheera» jedhe.
15 Saamu'el haga ganamaa rafe; achiin duuba ka'ee balbala Dunkaanii Woyyittii Mootii Waan Maraa bane; mudhii dhagge sanille Elii'itti himiisa sodaate. 16 Eliin ammoo Saamu'el waamee, «Ilma kiyya Saamu'el» jedhe.
17 Eliin, «Mootiin Waan Maraa maan sitti dubbate? Ana hin dhossin! Waan inni sitti hime keessaa waan tokkolle yoo na dhossite, Waaqi waan hantuu sitti fiduu ti; waan hantuu irratti hantuu sitti dabaluu ti» jedhe. 18 Maarre Saamu'el waan tokkolle adoo hin dhossin waan mara isatti hime. Achiin duuba Eliin, «Inni Mootii Waan Maraa ti; waan fedhe godhuu ti» jedhe.
19 Saamu'el guddate; Mootiin Waan Maraa isa woliin waan jiruuf, wonni inni dubbate marti lafa hin buutu. 20 Kolbaan Israa'elii ta Daan irraa haga Bersheeba'aa jirtu marti Saamu'el dhugumaan raagicha Mootii Waan Maraa akka te'e beekane. 21 Mootiin Waan Maraa ammalle Shiilo'otti mudhatee, achitti karaa jecha ifiitiin Saamu'elitti mudhate.
<- 1 Saamu'elii 21 Saamu'elii 4 ->
Languages