11 Achiin duuba Elqaanaan gara mana ifii Raama'atti dhaggamuu deeme; mucaan ammoo Elii hayyicha duratti Mootii Waan maraa tajaajile.
Ilmaan Eli'ii Ta Bu'aa Hin qanne
12 Ilmaan Eli'ii ilmaan bu'aa hin qanne; isaan Mootii Waan Maraa hin beenne. 13 Yennaa nami tokko ciincaa dhikeessu aadaa hayyooti kolbaa woliin qaddutti jira; foon ciinca'aaf dhikaate yennaa iffeelamu tajaajilaan hayyichaa filaa foonii ka quba sad qabu qabatee dhufa; 14 inni filaa foonii san okkotee foon itti iffeelamu san keessa keyee waan filaan sun baase mara hayyichi ifiif fudhata; isaan Israa'eloota gara Shiilo'oo dhufane mara irratti tanuma godhan. 15 Moorri adoo hin gubaminiin dura, tajaajilaan hayyichaa gara nama ciincaa dhikeessuu dhufee, «Hayyichi foon dheedhii malee ka iffeelame waan si irraa hin fudhanneef, foon isaaf woddu natti kenni» jedha.
26 Saamu'eliin dargaggeessichi hojja'aa fi fudhatama dhaggatiisaan Mootii Waan Maraatii fi nama duralle'etti guddate.
Raaga Maatii Eli'ii irratti Dubbatame
27 Raagaan tokko gara Eli'ii dhufee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Abbootiin teeti ta durii biyya Gibxi'ii keessatti Fara'ooniif garboota yennaa te'ane, ani isaanitti hin mudhannee ree? 28 Akka inni hayyuu naaf te'u, akka inni ciincaa naaf dhikeessu, akka inni hixaana naaf aarsu, akka inni na duratti woyaa hayyumma'aa ta qomaa uffatu, gosa Israa'elii mara keessaa ani abbaa abbootii teetii ta durii filadheera; ciincaa gubamu ka Israa'elooti duri naaf dhikeessitu mara ani sanyii abbaa keeti ka duriitiif kenne. 29 Isin ciinca'aa fi kennansa addee bultuma tiyyaatitti akka naaf dhikaatu ani ajaje maaf tuffatane? Ilmaan teeti kennansa kolbaan tiyya Israa'el naaf dhikeessitu irraa dadansaa nyaatanee akka fufurdatanu, ati maaf na caalaa isaaniif ulfinna kennite? 30 Tanaaf, Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii: Ani maatii teetii fi maatiin abbaa keetii haga bara baraa akka ana tajaajilanu waadaa galeeraayyu; amma ammoo tun ijjumaa hin teetu; worra ulfinna naa kennuuf, anille ulfinna isaaniif hin kenna; worri na tuffatulle ijjumaa hin tuffatama. 31 Kunoo, sanyii teeti keessatti jaarsi akka hin dhaggane, guyyaan ani si'ii fi maatii abbaa keetii balleessu dhikaateera. 32 Achiin duuba ati addee bultuma tiyyaatitti rakkinna hin dhaggita; wonni dansaan Israa'eliif teetulle, maatii teeti keessatti jaarsi hin dhaggamu. 33 Nama keeti keessaa akka inni addee ciinca'aa tiyya tajaajiluuf, ka ani jiru'uun lakkisu, ilti teeti akka jaamtuu fi gadhaan keeti akka gadduuf, sababa hin te'a; garuu sanyiin teeti marti shallaaga'aan hin dhumatti. 34 Ilmaan teeti lama Hofnii fi Fiinehaas irratti wonni te'u beessisa si'iif hin te'a; isaan lamaanuu guyyuma tokko hin du'an. 35 Ani hayyicha addatamaa ka akka gadhaa kiyyaatii fi akka yaada kiyyaa na tajaajilu hin kaafadha; ani mana isaa jabeessee hin dhaaba; innille haga bara baraa nama ani muudadhe hin tajaajila. 36 Sanyii teeti keessaa nami lubbu'uun hafe marti gara hayyicha sanii dhaqee, beesee diqqo'oon yookiin daabboo xaltaa tokko dhaggatiisaaf isa duratti sagadaa: Maganne'e, sagaluma guyyaa guyya'aan afaaniin qabu callaa akka dhaggadhu hujii hayyumma'aa ta feetelle teetu naaf kenni jedhaa isa hin kadhata› jedha» jedhe.
<- 1 Saamu'elii 11 Saamu'elii 3 ->