2 Daawitille, «Ani tajaajilaan keeti waan godhuu dande'u, atinuu dhaggu'uu jirta» jedheen.
4 Filisxeemoti wolitti qabamanee dhufanee adaala qachaa «Shuneem» jedhamutti qubatane. Saa'olille Israa'eloota mara wolitti qabatee gaara Giilbo'aa irra qubate. 5 Saa'ol loltoota Filisxeemotaa yennaa dhagge, guddoo sodaatee, gadhaan isaa sheephise. 6 Inni Mootii Waan Maraa yennaa gaafate, Mootiin Waan Maraa ammoo oojju'uun yookiin Uriimiin yookiin karaa raagotaalle'een deebii isaaf hin kennine. 7 Achiin duuba Saa'ol tajaajiltoota ifiitiin, «Dhaqee isii akka gaafadhu, dubartii ekeraa dubbittu naa barbaada'a» jedhe.
8 Maarre Saa'ol woyaa dhibii uffatee, ifi wollaalchisee, nama lama woliin halkan gara dubartittii sanii dhaqee, «Maganne'e, ekeraa dubbisiitii nama ani sitti himadhu naaf kaasi!» jedheen.
9 Dubartittiin ammoo deebittee, «Saa'ol worra ekeraa dubbisuu fi worra moru biyya keessaa akka balleesse atinuu hin beetta. Na ijjeesiisaaf, tiyyoo na dura maaf keetta ree?» jetteen.
10 Saa'ol, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, waan kanaan ati hin adabantu» jedhee maqaa Mootii Waan Maraatiin kakate.
11 Achiin duuba dubartittiin, «Eennu si'iif kaasa?» jettee isa gaafatte.
13 Mootichi isi'iin, «Hin sodaatin! Maan dhaggiisatti jirta?» jedhe.
14 Innille, «Inni maan fakkaata?» jedhee isii gaafate.
15 Achiin duuba Saamu'el, Saa'oliin, «Ati maaf du'a keessaa kaasiisaan na rakkitta?» jedhe;
16 Saamu'elille, «Mootiin Waan Maraa si irraa fagaatee eega diina keeti sitti te'e, maaf na gaafattaa ree? 17 Mootiin Waan Maraa waan natti dubbate muummessiisatti jira. Inni mootummaa teeti si harkaa fuudhee, jaala keeti Daawitiif kenneera. 18 Ati Mootii Waan Maraatiif waan hin ajajaminiif, aarii isaa ta akka ibiddaa bobeettu sanille Amaaleqoota irratti ati waan hin muummessiniif, Mootiin Waan Maraa adha tana si irratti godheera. 19 Ammalle, Mootiin Waan Maraa si'ii fi Israa'elootalle harka Filisxeemotaatitti dabarsee hin kenna; boru atii fi ilmaan teeti na bira hin dhuttan; Mootiin Waan Maraa loltoota Israa'eliille harka Filisxeemotaatitti dabarsee hin kenna» jedhe.
20 Dubbii saamu'el dubbateen, Saa'ol sodaatee yennuma san akkuma hojjaa ifiitiin lafatti jige. Guyyaa sanii fi halkan san mara waan tokkolle hin nyaanneeyyu; tanaaf hunna dhabe. 21 Dubartittiin gara Saa'olii dhuttee, akka inni guddoo bararaqe yennaa dhaggite, «Kunoo, ani tajaajiltuun teeti si'iif ajajameera. Lubbuu tiyya harkatti qabadhee waan ati natti hinte muummesseera. 22 Amma maganne'e, waan ani tajaajiltuun teeti sitti himu dhage'i; nyaattee jabeenna dhaggattee akka deentuuf sagalee si'iif hin qopheessa» jetteen.
23 Inni, «Hin nyaadhu» jedhee didate. Te'uu malee tajaajiltooti isaa dubartittii woliin guddoo waan isa kadhataneef, dubbii isaanii dhage'ee, lafaa ka'ee taqee irra tee'e. 24 Dubartittiin jibicha cooma mana keessaa waan qadduuf, ariiti'iin qaltee, bullaa fuutee sukkuuntee daabboo uukoo hin qanne bilcheessite. 25 Achiin duuba Saa'olii fi tajaajiltoota isaatiif dhikeessitee, isaanille nyaatane. Achiin duuba isaan halkanuma san ka'anee deemane.
<- 1 Saamu'elii 271 Saamu'elii 29 ->
Languages