6 Maarre Akiishi Daawiti waamee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ati nama qajeela'a. Guyyaa gara kiyya dhutteen jalqabee haga adhaa yakkaa tokkolle si irratti waan hin dhagginiif, na woliin adoo duulteetii, ani hin gammada. Te'uu malee bulchitooti ammoo si hin addanne. 7 Ati deebi'ii nageyaan deemi; waan bulchitoota Filisxeemotaa hin gammachiinne tokkolle hin godhin» jedheen.
8 Daawiti deebisee Akiishiin, «Ani ammoo maan godhe? Guyyaa ani gara keeti dhufeen jalqaddee haga adhaatitti ana tajaajilaa keeti irratti maan dhaggiteerta? Ani diinota goottaa kiyya mootichaa maaf loluu dhaba ree?» jedhee gaafate.
9 Akiishi deebisee, «Ati na duratti akka ergamaa Waaqaa ka komii hin qanne akka teetee hin beeka. Te'uu malee ajajjooti loltoota Filisxeemotaa ammoo, ‹Inni nu woliin gara lolaa dhaquu hin qabu› jedhaneeran. 10 Ati tajaajiltoota goottaa keetii ta si woliin dhufane woliin boru ganamaan ka'a'aatii, akkuma bariiteen deema'a» jedheen.
11 Maarre Daawitii fi namooti isaa gara lafa Filisxeemotaa deebi'iisaaf boruyyaa ganamaan ka'ane. Filisxeemotille gara Yizre'elii ol bayane.
<- 1 Saamu'elii 281 Saamu'elii 30 ->
Languages