5 Achiin duuba Daawiti Akiishiin, «Ani tajaajilaan keeti maaf si woliin qachaa mooti'ii keessa le'a? Ani si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, qachoota biyya kanaa keessaa tokko keessatti addeen ani le'u naaf kennantuu ti» jedhe. 6 Maarre gaafuma san Akiishi qachaa Siiqlaagii isaaf kenne. Qachaan Siiqlaagii guyyaa sanii jalqabee ka mootota Yihuda'aa te'e. 7 Daawiti biyya Filisxeemotaa keessa woggaa tokkoo fi ji'a afur le'e.
8 Daawitii fi namooti isaa dhaqanee, Geshuurota, Giirzotaa fi Amaaleqootatti duulane. Worri kun dur lafa Shuuriitii haga lafa Gibxi'ii keessa le'ane. 9 Daawiti yennaa isaan lole, dhiira yookiin dubartii tokkolle hin hamburre; hoolota, loon, harree, gaalotaa fi woyaa ammoo fudhatee gara Akiishii deebi'e. 10 Akiishi, «Adha eessa duultane?» jedhee yennaa gaafate, Daawiti, «Biyya Yihuda'aa ta gara kibbaa, biyya Yiraahimii'elii ta gara kibbaatii fi biyya Qenootaa ta gara kibbaatitti duulle» jedheen. 11 Daawiti, «Namooti gara Gaatii dhufanee, ‹Daawiti waan akkasii hujeera› jedhanee hin odeessan» jedhee waan herregeef, dhiira yookiin dubartii tokkolle hamburee gara Gaatii hin finne. Inni biyya Filisxeemotaa keessa haga le'e mara akkasuma godhaa ture. 12 Akiishille gadhaa ifii keessatti, «Inni kolbaa ifiituu kolbaan Israa'elii akka isa jibbitu waan godheef, haga bara baraa tajaajilaa kiyya hin te'a» jedhee waan herregeef, Daawiti addate.
<- 1 Saamu'elii 261 Saamu'elii 28 ->
Languages