6 Achiin duuba Daawiti Ahiimelekii nama biyya Heetotaatii fi ilma Zeruyaa obboleessa Yo'aabii Abiishaayiin, «Eentu na woliin gara addee quttuma Saa'olii gad dhaqa?» jedhee gaafate.
7 Maarre Daawitii fi Abiishaayi halkaniin addee loltooti jirtu dhaqane. Saa'ol eboo ifii mataa ifii duratti lafatti dongoratee odduu quttumaa rafee, Abneerii fi loltootille adaala isaa rafaneeraniiyyu. 8 Achiin duuba Abiishaayi Daawitiin, «Waaqi adha diina keeti harka keetitti dabarsee kenneera; amma ani yennuma tokko eboo tiyyaan Saa'ol woraanee lafa woliin wolitti hodha; ittille dabaluu hin barbaachisu» jedhe.
9 Daawiti ammoo Abiishaayiin, «Isa hin ijjeesin! Nama Mootiin Waan Maraa muude ijjeesee ka yakkaamessa hin te'in eennu? 10 Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, Mootiin Waan Maraatuu Saa'ol hin ijjeesa yookiin guyyaa ifii hin du'a yookiin duula dhaqee achitti hin du'a. 11 Nama Mootiin Waan Maraa muude ijjeesiisa irraa Mootiin Waan Maraa na eeguu ti! Ammoo eboo isaatii fi duloo isaa ta bisaanii ka mataa isaa dura jiranu san fuudhi hin ideennaa!» jedhe. 12 Maarre Daawiti ebo'oo fi meya bisaanii ka mataa Saa'olii dura jiranu san fuudhee, isaan lamaanuu achii deemane. Mootiin Waan Maraa hirriiba hamaa isaanitti waan buuseef, isaan marti rafanee, nami tokkolle dammaqee isaan hin dhaggine yookiin tana hin beenne.
13 Achiin duuba Daawiti gara gamaa achi bu'ee isaan irraa fagaatee qaccee koobaa irra dhaabbate; wodhakkaa isaanii fageenna gudda'atti jiraayyu. 14 Daawiti loltootaa fi ilma Neerii Abneer waamee, «Ee Abneer! Na jalaa hin owwaattuu?» jedheen;
15 Daawitille, «Ati namaa motii ree? Israa'el keessa ka akka keetii eennu? Nami tokko goottaa keeti mooticha ijjeesiisaaf waan dhufeef, ati goottaa keeti mooticha maaf hin eenne ree? 16 Wonni ati hujje kun dansa'aa moti. Goottaa keessan ka Mootiin Waan Maraa muude waan hin eeginiif, dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, atii fi namooti keeti du'uu qaddan. Eboon mootichaatii fi meyi bisaanii ka isaa ka mataa isaa dura jiranu meet ree? Me adaala keeti ilaali!» jedheen.
17 Saa'ol qoonqoo Daawitii beekee, «Ilma kiyya Daawiti, kun qoonqoo teetii?» jedheen.
21 Achiin duuba Saa'ol, «Ani cubbuu hujeera. Lubbuun tiyya adha si duratti ulfinna waan dhaggatteef, ani deebi'ee si hin miidhuutii, ilma kiyya Daawiti, deebi'i. Ani dhugumaan gowwumma'aan dokonkora guddaa hujeera» jedhe.
22 Daawitille deebisee, «Ee mooticha, kunoo, eboon teeti as jirti, dargaggoota teeti keessaa tokko dhufee fuudhuu ti!
23 «Mootiin Waan Maraa nama tokko tokkoofuu akka balchummaa isaatii fi addatamummaa isaatitti gatii isaaf kennuu ti. Mootiin Waan Maraa adha harka kiyyatti si dabarsee waan kenneef, ani ammoo nama Mootiin Waan Maraa muude hin miidhu. 24 Akkuma adha lubbuun teeti na duratti ulfinna dhaggatte, lubbuun tiyyalle Mootii Waan Maraa duratti ulfinna dhaggatuu ti! Inni rakkinna mara keessalle'ee na baasuu ti» jedhe.
25 Achiin duuba Saa'ol Daawitiin, «Ee ilma kiyya Daawiti, ati eebbifam! Ati waan hedduu hin goota; dhugumaan si'iif hin milkootti» jedhe.
Languages