6 «Ammoo ati yookiin sanyiin teeti na hordofiisa irraa deebitanee, ajajootaa fi seerataa ani isinii kenne eegatuu diddanee, dhaxxanee waaqota dhibii tajaajiltanee yoo waaqonfattane, 7 ani Israa'eloota lafa isaaniif kenne keessaa hin ari'a; Galma maqaan kiyya akka itti waamamuuf woyyoonse kanalle hin lakkisa; Israa'el kolbaa mara oddu'utti waan mammaassaatii fi waan kollaa hin teeti. 8 Galmi amma guddoo maadeffamu kun diigamee tuulaa bututaa hin te'a; worri karaa san dabaru marti maadeffataa, ‹Mootiin Waan Maraa maaf waan akkasii lafa tanaa fi Galma kana irratti fide?› jedhaa itti hin murgan. 9 Isaan ifumaafuu deebisanee, ‹Isaan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii, ka abbootii isaanii biyya Gibxi'ii keessaa baase san lakkisanee, waaqota dhibii, waaqonfatanee waan tajaajilaneef, Mootiin Waan Maraa badii tana itti fide› hin jedhan» jedhe. 10 Solomoon Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootummaa ifii woggaa diddamatti ijaaree fixe. 11 Mootiin Xiiroosii Hiiraam muka hindheensaa, muka birbirsaatii fi worqii, haga Solomoon barbaade mara waan isaa kenneeruuf, mootichi Solomoon qachoota diddama Galiilaa keessa jiranu, Hiiraamiif kenne. 12 Te'uu malee mootichi Hiiraam, qachoota Solomoon isaaf kenne ilaaliisaaf yennaa dhaqe, qachoota sanitti hin gammanne. 13 Tanaaf inni Solomooniin, «Obboleessa kiyya! Ati qachoota attamii naaf kennite?» jedhee gaafate; qachoota sanille «Lafa Kabulii» jedhee moggaase; qachooti sun haga adhaalle maqaa kanaan waamaman. 14 Mootiin Xiiroosii Hiiraam, worqii kiiloogiraama kuma afur caaltu, Solomooniif ergeeraayyu.
23 Solomoon itti gaafatantoota hojjattootaa, namoota dhibba shanii fi shantama qabaayyu.
24 Solomoon haadha manaa ifii intala mooticha Gibxi'ii, qachaa Daawitii keessaa baasee, mana mootummaa ifii ka isi'iif ijaarsisetti galcheen duuba kaabii, «Miiloo» jedhantu guuchisiise.
25 Solomoon wogga'atti yennaa sad kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa hixaana woliin, fuula Mootii Waan Maraa duratti, addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraatiif ijaare irratti dhikeesse; akka kanaan Galma Mootii Waan Maraa ijaaree fixe.
26 Mootichi Solomoon ammalle biyya Edoomii keessatti, qachaa Eziyon-Geberii ka qarqara abbaayaa diintu'uu, ka qachaa Elootii bira jirutti hoboloota gugurdoo hujisiise. 27 Mootiin Xiiroosii Hiiraam tajaajiltoota ifii, ta hoboloo guddittii oofanu, worra haala abbaaya'aa beekanu, tajaajiltoota Solomoonii woliin hoboloo keessa akka tajaajilanu erge. 28 Isaanille hoboloo gudditti'iin biyya Ofiirii dhaqanee, worqii kiiloogiraama kuma afur caaltu fidanee, mooticha Solomooniif kennane.
<- 1 Moototaa 81 Moototaa 10 ->
Languages