10 Yennaa hayyooti addee woyyittii san keessaa gad baate, duumensi Galma Mootii Waan Maraa keessa guute. 11 Ulfinni Mootii Waan Maraa Galma Mootii Waan Maraa keessa waan guuteef, hayyooti sababa duumensaatiif tajaajiliisa hin dandeenne. 12 Achiin duuba Solomoon,
17 Solomoon itti dabalee, «Abbaan kiyya Daawiti maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif Galma ijaariisaaf, gadhaa ifii keessatti yaadateeraayyu. 18 Mootiin Waan Maraa ammoo abbaa kiyya Daawitiin, ‹Ati maqaa kiyyaaf Galma ijaariisaaf, gadhaa keeti keessatti yaadatiis keeti dansa'a; 19 te'uu malee, ilma ati uumattutti maqaa kiyyaaf Galma naaf ijaara malee, ati naaf hin ijaartu› jedhe.
20 «Kunoo Mootiin Waan Maraa waadaa ifii muummesseera; akkuma Mootiin Waan Maraa waadaa galetti, ani addee abbaa kiyya Daawitii mootii te'ee, barcumaa mootummaa Israa'elii irra te'eera; maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiifille, Galma ijaareera. 21 Saanduqa Gondooro'oo ta ajaji kudhan keessa jiru, ta Mootiin Waan Maraa yennaa abbootii teenna biyya Gibxi'ii keessaa baase isaan woliin gondoore saniif, Galma Waaqaa keessatti ani addee qopheesseera» jedhe.
22 Achiin duuba Solomoon wolde'a kolbaa Israa'elii duudii duratti, addee ciinca'aa dura dhaabbatee, harka ifii gara ol-gubba'aa diriirsee, 23 «Ee, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii! Ol-gubba'atti yookiin lafa irratti Waaqi akka keetii hin jiru; ati tajaajiltoota teeti worra gadhaa tokkochaan fuula keeti dura deddeebi'anuuf gondooroo teeti hin eedda; jaalala keeti ka bara baraa isaaniif hin mudhitta. 24 Ati tajaajilaa keeti abbaa kiyya Daawitiif waadaa galte eeddeerta; waan dur afaan keetiin waadaa galte san, adha kunoo harka keetiin muummessiteerta. 25 Ammalle ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii! Tajaajilaa keeti abbaa kiyya Daawitiif, ‹Akkuma ati fuula kiyya duratti deddeebite, ilmaan teetille waan gootu maraan fuula kiyya dura yoo deddeebite, sanyii teeti keessaa nami barcumaa mootummaa Israa'elii irra tee'u fuula kiyya duraa hin dhabamu› jettee waadaa galte san muummessiif. 26 Ammalle ee Waaqa Israa'elii, tajaajilaa keeti abbaa kiyya Daawitiif waadaa galte san muummessi.
27 «Ee Waaqa, ati dhugumaan lafa irra leetaa ree? Ol-gubbaan, ol-gubbaan ol-gubbootaalle si ba'atuu hin dandeettu. Galmi ani ijaare kun fa'a, dhugumaan si ba'atuu hin dande'u. 28 Te'uu malee, Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, daadimataa fi gaaffii ana tajaajilaa keetii dhage'i; iyyaa fi daadimata ani tajaajilaan keeti, adha si duratti daadimadhu naaf caqasi. 29 Daadimata ani tajaajilaan keeti addee tanatti si daadimadhu akka dhageettu, ilti teeti halkanii fi guyyaa gara Galma ati, ‹Maqaan kiyya keessatti hin waamama› jettee ilaaltuu ti. 30 Daadimata anii fi kolbaan teeti Israa'el, gara addee tanaa garagallee daadimannu nuu dhage'i; ol-gubbaa irraa nuu dhage'iitii, nuu araarami.
31 «Nami tokko nama irratti yakkaa hujee, akka yakkaamessa hin te'in gara addee ciinca'aa ta Galma kana keessaa dhufee, yoo kakate, 32 ati ol-gubbaa irraa dhage'iitii tajaajiltoota teetiif muraa kenni. Yakkaamessa akka yakkaa isaatitti adabi; ka yakkaa hin qanne bilisa baasi.
33 «Kolbaan teeti Israa'el waan cubbuu hujjeef, diinaan yennaa injifatante, gara keeti deebitee, maqaa keeti yoo waammatte, Galma Waaqaa kana keessatti fuula keeti duratti yoo si daadimatte, 34 ol-gubbaa irraa isaaniif dhage'i; cubbuu kolbaa teeti Israa'elii araaramiitii, gara lafa abbootii isaanii ta duriitiif kennitetti, isaan deebisi.
35 «Kolbaan teeti waan si yakkiteef, yennaa ol-gubbaan cufantee, bokkeenni roobiisa dhabu, ati waan isaan rakkitteef yakkaa ifii irraa yoo deebi'ane, gara Galma kanaa garagalanee maqaa keeti yoo waammatane, 36 ol-gubbaa irraa isaaniif dhage'i; cubbuu tajaajiltoota teeti kolbaa Israa'elii araarami. Karaa qajeelaa irra akka deemanu isaan barsiisi; lafa kolbaa teetiif kennite irratti bokkeya roobisiisi.
37 «Yennaa beelti yookiin balaan lafa irratti dhufu, yennaa gugguufaan yookiin shantoon, awwaannisii fi korophiis midhaan balleessu yookiin yennaa diinni qachoota isaanii mara keessatti isaan marsu, yennaa balaan yookiin dhibeen isaan irra dhaqqaddu, 38 kolbaa teeti Israa'el keessaa eennulle rakkinna gadhaa ifii beekee, harka ifii gara Galma kanaa diriirsee yoo daadimatee gaafate, 39 ol-gubbaa addee leetoo teetii irraa isaaf dhage'iitii araarami; qarqaarille'e. Waan gadhaa namaa keessa jiru, ka beeku si qofa waan teeteef, nama tokko tokkoofuu akka hujii isaatitti gatii isaaf kenni. 40 Achiin duuba kolbaan teeti lafa ati abbootii teenna ta duriitiif kennite keessa, bara leetu mara si hin sodaatti.
41 «Nami ormi, ka kolbaa teeti Israa'el hin te'in, marroo gurra keetii dhage'ee lafa fagoo irraa hin dhufa; 42 inni marroo maqaa keeti gudda'aa, irree teeti jaddu'uulle dhage'ee dhufee, gara Galma kanaa garagalee yennaa daadimatu, 43 ol-gubbaa addee leetoo teetii rraa isaaf dhage'i. Kolbaan lafa irraa marti, akkuma kolbaa teeti Israa'elii, maqaa keeti beettee, akka si sodaattu, Galmi ani ijaare kunille, maqaa keetiin akka waamamu akka beettu, waan nami ormi sun si gaafatu mara isaaf godhi.
44 «Kolbaan teeti diinota ifii loliisaaf, gara ati isaan ergitu mara yennaa dhaxxu, gara qachaa ati filatteetii fi Galma ani maqaa keetiif ijaare kanatti garagaltee yennaa daadimattu, 45 ati ol-gubbaa irraa daadimataa fi gaaffii isaanii dhage'iitii, haajaa isaanii isaaniif muummessi.
46 «Nami yakkaa hin hunye tokkolle waan hin jirreef, kolbaan teeti yennaa si yakkite, ati isaanitti mufattee, diinota isaan booji'ee lafa fagoo yookiin dhikoo isaan geessutti, dabarsitee yennaa kennitu, 47 isaan lafa diinota isaanii ta itti booji'amane san keessatti, yaada gadhaa ifii jijjiiranee, cubbuu ifii irraa deebi'anee, ‹Nuuti cubbuu hunyeerra; dokonkorreerra; waan hantuulle hunyeerra› jedhanee yoo si gaafatane, 48 lafa diinota isaan booji'ee san keessa adoo jiranuu, gadhaa ifii tokkochaan, lubbuu ifii takkatti'iin gara keeti deebi'anee, gara lafa ati abbootii isaanii ta duriitiif kennitetti, gara qachaa ati filatteetii fi gara Galma ani maqaa keetiif ijaaree kanatti, garagalanee yoo si daadimatane, 49 ol-gubbaa addee leetoo teetii irraa, daadimataa fi gaaffii isaanii dhage'iitii, haajaa isaanii isaaniif muummessi. 50 Cubbuu isaaniitii fi yakkaa isaan si irratti hujane isaaniif araarami; diinoti isaaniille akka isaaniif mararanu godhi. 51 Isaan kolbaa teeti ta ati biyya Gibxi'ii ta akka addee ibiddaa ta sibiila itti baqsiisanuu san keessaa baatte.
52 «Yennaa ani tajaajilaan keetii fi kolbaan teeti Israa'el, si gaafannu gara keenna ilaali; yennaa kolbaan teeti gara keeti iyyitu isaaniif dhage'i. 53 Ee Goottaa Mootii Waan Maraa, ati abbootii teenna ta durii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baatte, karaa tajaajilaa keeti Muuse'eetiin akkuma dubbate, gosa biyya adda addaa mara keessaa, kolbaa teeti akka te'anuuf isaan fooyatteerta» jedhe.
56 «Akkuma waadaa galetti, Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii Israa'eliif lafa kenne leellifamuu ti. Waadaa dansaa inni karaa tajaajilaa ifii Muuse'eetiin gale mara keessaa tokkolle adoo hin muummowin hin hanne. 57 Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna abbootii teenna ta durii woliin akkuma jiraate, nu wolille'een jiraatuu ti; inni nu hin lakkisin; nu hin gatinille'e. 58 Ajaja, seerataa fi seera inni abbootii teenna ta duriitiif kenne mara akka eegannuu fi karaa isaa mara irra akka deddeebinuuf, qalbii teenna gara ifii deebisuu ti. 59 Ana tajaajilaa isaatii fi kolbaa isaa Israa'eliif, guyyaa guyya'aan wonni barbaachittu marti akka nuu teetuuf, gaaffiin tiyya ta ani halkanii fi guyyaa Mootii Waan Maraa duratti gaafadhu, Mootii Waan Maraa Waaqa keenna dura dhikaattuu ti. 60 Achiin duuba kolbaan lafa irraa marti Mootiin Waan Maraa Waaqa akka te'e, isa malee Waaqi dhibiin akka hin jirre hin beetti. 61 Isin kolbaan isaa akkuma adha godhiisatti jirtanu, seerata isaatiin deddeebi'aa, ajajoota isaa eegataa, Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf, ka addatantane te'a'a» jedhe.
65 Maarre mootichi Solomoonii fi Israa'elooti, wolde'i guddaan kolbaa seensuma Haamaatii irraa haga laga Gibxi'iititti wolitti qabante mara woliin, Galma Waaqaa keessatti guyyaa torba torba, itti dabalanee guyyaa torba, wolumatti guyyaa kudha afur, fuula Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa duratti, jila gose'ee jilifatane. 66 Guyyaa itti aanu Solomoon kolbaa ifi irraa geegesse; isaanille isa eebbisanee, waan dansaa Mootiin Waan Maraa tajaajilaa ifii Daawitii fi kolbaa ifii Israa'eliifille godhe maraaf, gammadaa ilillisaa gara mana ifii galane.
<- 1 Moototaa 71 Moototaa 9 ->
Languages