10 Achiin duuba isiin kennansa fidde mara, worqii kiiloogiraama kuma afur caaltu, uddowa'aa fi dhakaa gatii guddo'oo bacaa, mooticha Solomooniif kennite; eega san mootichi Solomoon uddowaa bacaa, ka haga mootittiin biyya Sheeba'aa isaaf kennitee, dhaggatee hin beeku.
11 Hobolooti gugurdoon Hiiraamii, ta biyya Ofiiriitii worqii fidde, muka sandali'ii heddu'uu fi dhakaa gatii guddo'oo isaaf fiddeertiiyyu. 12 Solomoon muka sandali'ii kana irraa, waan Galma Mootii Waan Maraatii fi waan mana mootumma'aa, faarfattootaafille kiraaraa guddichaa fi maseenqoo hujisiise; eega bara sanii muki sandali'ii, ka hagana bacatu biyya Israa'eliititti ijjumaa ergamee yookiin dhaggamee hin beeku.
13 Mootichi Solomoon mootittii biyya Sheeba'aatiif kennansa isi'iif kenne irratti dabalee, waan isiin halchitee isa gaafatte mara isi'iif kenne; achiin duuba isiin bookarsitoota ifii woliin gara biyya ifii deebite.
16 Mootichi Solomoon wontee gugurdoo dhibba lama worqii irraa tunsiise; tokko tokkoon isi'iituu worqii gara kiiloogiraama torbaatiin itti gonfanteerti. 17 Akkasuma wontee didiqqoo dhibba sad worqii irraa tunsiise; tokko tokkoon isi'iituu worqii gara kiiloogiraama lamaatiin itti gonfanteerti; mootichi wontee tana mara mana mootumma'aa, ka «Gongomaa Libaanonii» jedhamu keessa keye.
18 Inni ammalle barcumaa mootumma'aa guddaa tokko, ilka arbaa irraa hujisiisee, worqii qulluu itti gonfe. 19 Barcumaan mootumma'aa, yaabbannoo jaa qabaayyu; mataan irkoo barcumaa mootumma'aa sun gara duubaa korbateera; middaa fi bita'aan waan harka irra keyatanu qaba; cinaa waan harka irra keyatanu san lamaaniituu fakkii neenqaa lamatti dhaabbateera. 20 Qaccee yaabbannoo tokko tokkootuu san irra, gara lamaaniinuu fakkiin neenqotaa tokko tokko, wolumatti fakkiin neenqotaa kudhanii lama dhaabbatteerti; barcumaan mootumma'aa ka akkasii mootummaa biyya tamii keessalle'etti hujamee hin beeku.
21 Bara mooticha Solomoonii meetiin gatii guddoo waan hin qanneef, mey inni itti unuu fi mey mana mootumma'aa ka «Gongomaa Libaanonii» jedhamu keessa jiru marti, worqii qulluu irraa hujame malee, mey meetii irraa hujame tokkolle hin jiru. 22 Mootichi Solomoon hoboloota gugurdoo daldalaa ta biyya Tarshiishii, ta hoboloota Hiiraamii woliin daldalaaf abbaayaa irra deddeebitu qabaayyu; hobolooti sun woggaa sad keessatti yennaa tokko worqii, meetii, ilka arbaa, qalame'ee fi jaldeessa isaaf fidan.
23 Mootichi Solomoon durumma'aa fi qarumma'aan mootota biyya lafaa mara caalaayyu. 24 Namooti biyya lafaa duudiin, qarummaa Waaqi Solomooniif kenne dhage'iisaaf, gara isaa dhufiisa barbaadaniiyyu. 25 Worri gara isaa dhufu marti, wogguma wogga'aan kennansa meya meeti'iitii fi worqi'ii, woyaa, meya woraanaa, uddowaa, fardo'oo fi gaangee fidaniiyyu.
26 Solomoon garreettaa fardaan harkifamuu fi fardoo wolitti qabate; inni garreettaa fardaan harkifamu kuma tokkoo fi dhibba afur, abbootii fardo'oo kuma kudha lama qabaayyu; isaan keessaa garii qachoota garreettoti fardaan harkifamanu le'anu keessa, garii addee ifii le'u Yerusaalem keessa keye. 27 Bara mootummaa ifii meetii akkuma dhakaa addee maratti dhaggamuu, muka hindheensaalle akkuma muki harru'uu lafa kooba jalaa keessatti bacatuu godhe. 28 Mootichi Solomoon fardoo ifii biyya Gibxi'iitii fi biyya Qiliiqiya'aa keessaa fichisiise; daldaltooti isaa biyya Qiliiqiya'aa keessaa fardoo bitanee fiddaniiyyu. 29 Isaan garreettaa fardaan harkifamu tokko tokko meetii dhibba jaan, farda tokko tokko meetii dhibba tokkoo fi shantamaan biyya Gibxi'ii keessaa bitanee fidanee, mootota Heetotaatii fi Sooriya'aatitti dabarsanee gurguraniiyyu.
<- 1 Moototaa 91 Moototaa 11 ->
Languages