6 Solomoon galma utuboota heddu'uu, ta dheerinni isi'ii ciqilee shantamaa, badhinni isi'ii ciqilee soddomaa ijaare; kutaa guddittii san dura soroo utuba'aan utubanteertutti jiraayyu.
7 Solomoon galma barcumaa mootumma'aa, galma haqaa, addee tee'ee muraa kennu ijaaree, lafaa kaasee, haga heellicho'ootitti muka hindheensaatiin golle.
8 Manni isaa ka inni keessa le'u, galma haqaatiin wol fakkaata; manni kunille galma haqaa irraa gara duubaatiin jira; Solomoon haadha manaa ifii, intala mooticha Gibxi'iitiifille mana galma haqaatiin wol fakkaatu ijaare.
9 Ijaarsi kun duudiin alaa haga badhinna guddicha dalleya keessaatitti, hundee ijaarsaatiin jalqabee, haga jinjimaatii isaatitti, dhakoota gatii guddo'oo ka wol qixxee te'ee, duraa fi duubaan bocameen ijaarame. 10 Hundee ijaarsa kanaa, dhakoota gugurdaa gatii guddo'oo, ka dheerinni isaanii ciqilee saddeetiitii fi ka ciqilee kudhaniititti keyame. 11 Dhakoota gugurdaa kana irra, dhakoota wol qixxee te'ee bocamee fi buusaa hindheensaa hedduun jiran. 12 Badhinni guddichi dalleya keessaa, akkuma badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa ka gara keessaatii fi soroo isaa, dalleya dhaka'aa, dhakaa bocame tarree sadii fi buusaa hindheensaa tarree tokkoon marfamee ijaarameera.
19 Guutuun mataa utuboota soro'oo irra jiranu, ciqilee afur dhedheeratanee, fakkii daraara'aa qaban. 20 Guutuu utuboota lamaaniituu irratti, haachabatti aanee, fakkii akka qori'ii jirtu gubbaa, wonni akka midhaan «Rumaan» jedhamuu, dhibbi lama tarree lamatti dirameera.
21 Hiiraam utuboota lamaan san, soroo Galma Waaqaa duratti dhaabe; utubaa gara kibbaa «Yaakiin[a]» jedhee moggaase; utubaa gara kaabaa «Bo'az[b]» jedhee moggaase. 22 Guutuun utuboota san irra jirtu fakkii daraara'aatiin hujanteerti.
27 Hiiraam sageettuu irraa waan meya irra keyatanu, ka korboo qabu kudhan huje; tokko tokkoon isaanii dheerinni ciqilee afur, badhinni ciqilee afur, hojjaan ciqilee sad. 28 Akki wonni meya irra keyanu kun hujamane asii gad jira: isaan sageettuu baxxittii roga afurii ta kiphaa qajeelee dhaabbattetti qassiifante qabaniiyyu. 29 Sageettuu baxxittii wodhakkaa kiphaa qajeelee dhaabbate san jirtu irratti fakkiin neenqotaa, korommi'iitii fi dada ol-gubba'aa ta koola qaddutti kaafameera; kiphaa qajeelee dhaabbate san irralle'etti akkasuma godhe; fakkii neenqotaatii fi korommi'ii san gubba'aa fi jalatti fakkii daraaraa marameetitti irratti qiriixameera. 30 Wonni meya irra keyanu tokko tokkoon isaaniituu korboo sageettuu irraa hujante afurii fi ulee sibiila sageettu'uu ta korboon irra garagaggaltu wolitti qassiittu lama qaban; gama arfanuu irra utuboota qorii itti dhiqatanu kiphu afuritti jiraayyu; utubooti sun fakkii daraaraa maramee ka sageettuu irraa baqisiifamee hujamee qabaniiyyu. 31 Waan meya irra keyanu san gara keessaatiin, qoriin itti dhiqatanu sun xiyyoo ciqilee tokko dheerattu qaddi; afaan qorii itti dhiqatanu sanii koobbicha; ciqilee tokko dheerata; morma irralle'etti seesa qaba; wonni meya irra keyanu sun koobbicha adoo hin te'in, roga afur qaba. 32 Korboon arfanuu, sageettuu baxxittii waan meya irra keyanu san jala jirti; uleen sibiila sageettu'uu, ta korboon irra garagaggaltu, waan meya irra keyanu saniin wolitti qassiifanteerti; badhinni korboo tokko tokkootuu ciqilee tokkoo fi wodhakka'a. 33 Korboon tun korboo garreettaa fardaan harkifamuu fakkaatti; uleen isi'ii, rogi afaan isi'ii, dagaleen isi'iitii fi urati uleen isi'ii keessa seenu, sageettuu irraa hujame. 34 Wonni meya irra keyanu tokko tokkoon isaatuu, roga arfanuu irratti waan qabatanu qaban. 35 Qaccee waan meya irra keyanuu irra, wonni akka qube'ee naanneffamee, taakkuu tokko ol dheeratu jira; utubootaa fi sageettuun baxxittiin isaa, mataa waan meya irra keyanuu woliin, wolitti qassiifamaneeran. 36 Inni utubootaa fi sageettuu baxxittii irratti, addee duwwaa jirtu mara irratti, fakkii Dada ol-gubba'aa ta koola qadduu, fakkii neenqotaatii fi fakkii muka meexxi'ii, daraaraa marame woliin cinaa isaanii mara irratti qiriixee huje. 37 Hiiraam akka kanaan waan meya irra keyanu kudhan huje; wonni meya irra keyanu kun martinuu, addee takka'atti waan baqisiifamaneef, hagii fi akki isaanii martinuu tokkochuma.
38 Hiiraam sageettuu irraa, waan meya irra keyanu tokko tokkoofuu, qorii itti dhiqatanu kudhan, ta bisaan gara litirii dhibba saddeeti qabattu huje; badhinni qorii tokko tokkootuu ciqilee afur. 39 Inni waan meya irra keyanu san keessaa shan, Galma Waaqaa irraa gara kibbaa, shan gara kaabaa keye; qorii itti dhiqatanu ammoo, roga Galma Waaqaa irra kibba irraa gara baya adu'uutitti keye.
45 Okkotee, waan daadhaa ittiin haranuu fi qorii dhiiga fiffixanu qabattu, Hiiraam tajaajila Galma Waaqaatiif meya kana mara mooticha solomooniif, sageettuu morodante irraa huje. 46 Mootichi Solomoon waan kana mara dhooqa Yordaanosii keessatti, addee sibiila itti baqisiisanu ta faara irraa hujante ta Suukootii fi Zaaretaan wodhakkaa jirtu keessatti hujisiise. 47 Mey kun bacaa waan te'eef, mootichi Solomoon hin madaalchinne; tanaaf madaalliin sageettu'uu hagam akka te'e hin beekkanne.
48 Solomoon ammalle tajaajila Galma Waaqaatiif, meya asii gad jiru hujisiise; mey kunille addee ciinca'aa ta worqii irraa hujante, xarapheessaa worqii irraa hujame ka daabboo Waaqa dura dhikaattu irra keyanu, 49 meya worqii qulluu irraa hujame waan issaan irra keyamu, ka addee irra caala woyyittii ta gara keessaa dura, shan gara kibbaatiin, shan gara kaabaatiin keyanu, daraaraa, issa'aa fi qaraphaa ibiddaan tuqanu, 50 muduunuu, qaraphaa issa'aan dhaanfanu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, girgiraa, waan ibidda irratti bobeessanu, maaxafaa balbala kolloo Addee Irra Caalaa Woyyittii ta gara keessaatii fi ka kutaa guddittii Galma Waaqaa ka worqii qulluu irraa hujame huje.
51 Mootichi Solomoon hujii Galma Waaqaa mara fixeen duuba, abbaan isaa Daawiti tajaajila Galma Waaqaatiif waan addaan baase mara meetii, worqi'ii fi meya dhibii addee meya Galma Mootii Waan Maraa massanutti masse.
<- 1 Moototaa 61 Moototaa 8 ->
Languages