1 Solomoon intala mooticha Gibxi'ii fuudhee isa woliin firoome; inni mana mootummaa ifiitii fi Galma Mootii Waan Maraa ijaaree haga fixutti, Yerusaalemitti dalleya marsee ijaaree haga fixutti, qachaa Daawitii keessa isii keye. 2 Yennaa san Galmi Mootii Waan Maraatiif ijaaramee waan hin jirreef, kolbaan addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa dhikeessitiiyyu. 3 Solomoon seerata abbaa ifii Daawitiititti buliisaan, Mootii Waan Maraa jaalate; te'uu malee addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa dhikeessee hixaana aarse.
4 Addeen waaqonfanna'aa ta qachaa Giibe'onii, irra caalaa barbaachittuu waan teeteef, mootichi Solomoon addee ciinca'aa ta achi jirtu irratti ciincaa dhikeessiisaaf dhaqe; inni addee ciinca'aa san irratti ciincaa kuma tokko dhikeesse. 5 Halkan san achitti Mootiin Waan Maraa oojju'uun Solomoonitti mudhatee, «Akka si'iif kennu waan barbaaddu na gaafadhu» jedhe.
6 Solomoon deebisee, «Abbaan kiyya Daawiti tajaajilaan keeti addatamumma'aan, balchumma'aa fi qajeelumma'aan si dura waan deddeebi'eef, jaalala keeti guddaa ka bara baraa isaaf mudhitteerta; jaalala keeti guddaa ka bara baraa kana isaaf eeddee, adhalle ilma addee isaatitti barcumaa mootummaa isaa irra tee'u isaaf kenniteerta. 7 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani tajaajilaan keeti addee abbaa kiyya Daawitiititti mootii akka te'u gooteerta; ani ammoo ijoolle'e; attam akka bulchanulle hin beeku. 8 Kunoo ani tajaajilaan keeti, kolbaa ati filatte bindillaa laakkowanee hin dhaqqanne odduu jira. 9 Tanaaf kolbaa teeti bulchiisaaf, hantu'uu fi dansaa gargar baasee akka beeku, qalbii hubanti'ii ana tajaajilaa keetiif kenni. Yoo akkas hin te'in kolbaa teeti guddoo tana eentu bulchuu dande'a ree?» jedhe.
10 Solomoon tana waan gaafateef Mootiin Waan Maraa gammade. 11 Maarre Waaqi Solomooniin, «Ati ifiif bara dheeraa le'iisaaf yookiin duroomiisaaf yookiin diinoti keeti akka du'anuuf adoo hin te'in, muraa haqaa kenniisaaf qarummaa waan na gaafatteef, 12 ani waan ati na gaafatte siif hin godha; qarumma'aa fi hubantii nami tokkoolle tanaan qara hin qanne yookiin haganaa achille dhaggatuu hin dandeenne si'iif hin kenna. 13 Ammalle waan ati na hin gaafatin, durumma'aa fi ulfinna si'iif hin kenna; bara jiruu teetii moototi si'iin qixxoottu hin jiraattu. 14 Akkuma abbaa keeti Daawitii, karaa kiyya yoo deente, seerataa fi ajaja kiyyaaf yoo ajajante, bara keeti si'iif hin dheeressa» jedhe.
15 Achiin duuba Solomoon hirriibaa dammaqee, akka oojjuu teete hubate; inni gara Yerusaalemii dhaqee, Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa dura dhaabbatee ciincaa dhikeessee, kennansa tokkumma'aa kenne; tajaajiltoota ifii duudiille'eef jila jilise.
22 Dubartittiin tuun ammoo, «Lakkii! Annuun jiru kiyya; ka du'e keeti» jette. Dubartittiin qaraa, «Waawwo'o! Annuun du'e keeti; ka jiru kiyya» jette. Maarre isaan mooticha duratti wol moromane.
23 Achiin duuba mootichi Solomoon, «Dubartiin tun, ‹Annuun jiru kiyya; ka du'e keeti› jetti; tuunille, ‹Lakkii! Annuun du'e keeti; ka jiru kiyya› waan jettuuf, 24 shallaagaa natti fida'a!» jedhe; isaan shallaagaa isatti fidane. 25 Achiin duuba inni isaaniin, «Annuu jiru addee lamatti gargar baqassa'aatii, gama tokko dubartii takka'aaf, gama kaan dubartii taaniif kenna'a» jedhee ajaje.
26 Dubartittiin annuu isi'ii lubbu'uun jiru ammoo annuu ifiitiif naatee, «Maganne'e mooticha kiyya, annuu jiru isi'iif kenni malee, hin ijjeesin» jette. Dubartittiin tuun ammoo, «Anaa fi isiille'eef hin kennin; addee lamatti gargar baqaffamuu ti» jette.
27 Achiin duuba mootichi Solomoon, «Annuu jiru hin ijjeesina'a; dubartittii qaraatiif kenna'a; isiin haadha isaa ti» jedhe. 28 Kolbaan Israa'elii marti muraa Solomoon kenne yennaa dhageette, akka inni muraa haqaa muriisaaf Waaqa biraa qarummaa dhaggate beettee, ulfinna guddaa isaaf kennite.
<- 1 Moototaa 21 Moototaa 4 ->
Languages