7 Akkasuma Solomoon Israa'el mara irratti bulchitoota kutaa biyyaa kudhanii lama, ta mooticha fi worra mana mootichaa keessa jiru maraaf soorata dhikeessitu qabaayyu; tokko tokkoon isaaniituu woggaa keessatti ji'a tokko soorata dhikeessuu qabaniiyyu. 8 Maqaan isaanille ka asii gad jiru:
Ben-Huur ka kutaa biyyaa lafa koobittii Efreemii bulchu,
9 Ben-Deqer ka qachoota Maaqaaz, Sha'aalbiim, Bet-Shemeshii fi Eloonii-Bet-Banaan bulchu,
10 Ben-Hesed ka qachoota Aruboot, Sokoo fi lafa Heferii mara bulchu,
11 Ben-Abinaadaab ka qachoota Nafat-Doorii mara bulchu, intala Solomoonii Xaafeti ka fuudhe,
12 Ilma Ahiiludii Ba'anaa ka qachoota Ta'ana'aatii fi Megidoo, Bet-Shaanii cinaa Zaaretaana'aa ta Yizre'eliin jalaa, akkasuma lafa Bet-Shaanii irraa kaasee, Yaaqne'aam qaxxaamuree haga Abeel Meholaatii ka bulchu,
13 Ben-Geber qachoota Raamoot-Giili'aad keessaa, olloota fira ilma Minaase'ee ka Yaa'iirii ka Giil'aad keessaa, lafa Argoobii ka Baashaan keessaa, wolumatti qachoota gugurdaa jaatama ka dalleya dhaka'aatii fi karra danqaraa sibiila sageettu'uu qabu ka bulchu,
14 Ilma Iddoo Ahiinaadaab ka lafa Mahanaayimii bulchu,
15 Ahimaaz ka kutaa biyya Niftaalemii bulchu, intala Solomoonii Baasemati ka fuudhe,
16 Ilma Hushaayii Ba'anaa ka kutaa biyya Asheeriitii fi qachaa Aalotii bulchu,
17 Ilma Phaaruu Yoshaafaax ka kutaa biyya Yisaakorii bulchu,
18 Ilma Elaa Shime'i ka kutaa biyya Beniyaaminii bulchu,
19 Ilma Urii Geber ka kutaa biyya Giil'aadii lafa duri Sihooniin mootii Amoorotaatii fi mootiin Baashaanii Oog bulchaa turane bulche.
Lafa duudii ka bulche bulchaan dhibiin tokko jiraayyu.
Mootummaa Guddittii Solomoonii
20 Kolbaan Yihuda'aatii fi Israa'elii akka maansa qarqara abbaaya'aa baca'a; isaan nyaataa, unaa gammadaniiyyu. 21 Solomoon biyya mootummoota laga Efraaxiisiitiin jalqabee, haga lafa Filisxeemotaatii fi haga meessaa biyya Gibxi'ii duudii bulche; kolbaan biyya sanii duudiin isa gabbaraa, bara jiruu isaa duudii isa tajaajilte.