5 «Ilmi Zeruyaan deette Yo'aab, ajajjoota loltoota Israa'elii ilma Neerii Abneerii fi ilma Yeterii Amaasaa akka ijjeese, analle waan inni godhe atinuu hin beetta; inni adoo lolli hin jiraatin, yennaa nageyaa keessa isaan ijjeesee, dhiiga isaanii qabattoo hidha ifiitii fi kophee miila ifiititti akka dibe hin beetta. 6 Akka qarummaa teetiititti waan godhamu'uu malte godhi malee, dulloomee nageyaan haga inni du'utti isa hin eegin.
7 «Ilmaan Baarzilaayii Giil'aadichaa, yennaa ani obboleessa keeti Abiishaalom duraa baqadhe, waan dansaa waan naa godhaneef, atille isa marari; worra qorii teeti keessaa nyaatanu wolille'een nyaatanuu ti.
8 «Kunoo, Shime'iin ilmi Geraa Beniyaamichaa ka qachaa Bahuriimii keessa le'u, yennaa ani gara Mahanaayinii dhaqe, ka akka malee na abaare si woliin jira; te'uu malee yennaa inni na qophatiisaaf gara laga Yordaanosii gad dhufe, ani, ‹Shallaaga'aan si hin ijjeesu› jedhee maqaa Mootii Waan Maraatiin isaaf kakadheera. 9 Amma ammoo ati akka nama yakkaa hin qanneetitti isa hin laakkowin; ati nama qaroo waan teeteef, waan isa gootu hin beetta; dullummaa isaa keessa isa ijjeesi» jedhe.
15 Inni deebisee, «Akkuma ati beettu silaa mootummaan tiyya; Israa'elooti duudiin, ‹Isattuu mootii nu'uuf te'a› jedhanee eegataa turane; ammoo Mootiin Waan Maraa waan isaaf kenneef, dubbiin jijjiirantee, obboleessi kiyya mootii te'e. 16 Ammalle waan si kadhadhu tokko waan qabuuf, na hin didin» jedhe.
17 Inni deebisee, «Mootichi Solomoon si hin didu, Abiishaagii Shuneemittii akka ani fuudhuuf maganne'e isatti naaf himi!» jedhe.
18 Baat-Sheebaalle, «Dansa'a! Ani mootichatti si'iif hin hima» jetteen.
19 Maarre Baat-Sheebaan waan Adoniya'aa himiisaaf gara Solomoonii mootichaa dhaxxe; mootichi ol ka'ee haadha ifii nageya fuudhiisaaf gad jedheef; achiin duuba barcumaa mootummaa ifii irra tee'ee, barcumaa mootumma'aa ka dhibii haadha ifiitiif akka fidanu godhee, midda ifiititti isii teessise. 20 Isiin mootichaan, «Ani waan diqqoo takka si kadhadha maganne'e na hin didin!» jette.
21 Isiin deebittee, «Abiishaagiin Shuneemittiin, obboleessa keeti Adoniyaa heerumtuu ti» jette.
22 Mootichi Solomoon deebisee, haadha ifiitiin, «Ati Abiishaagii Shuneemittii Adoniya'aaf maaf gaafatta? Inni obboleessa kiyya angaficha waan te'eef, hayyichi Abiyaataarii fi ilmi Zeruyaan deette Yo'aab isa woliin waan jiranuuf, mootummaa tiyyalle isaaf maaf hin gaafatin ree?» jedhe. 23 Achiin duuba Solomoon maqaa Mootii Waan Maraatiin kakatee, «Adoniyaan gaaffii akkasii waan gaafateef, yoo inni du'aan hin adabamin Waaqi na ijjeesuu ti. 24 Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ka akkuma waadaa naaf galetti, barcumaa mootummaa abbaa kiyya Daawitii irra jabeessee na dhaabee, mootummaa sanyi'ii tana anaa fi sanyii tiyyaaf kennee, Adoniyaan adhuma hin ijjeefama» jedhe.
25 Maarre mootichi Solomoon, ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan akka Adoniyaa ijjeesu ajaje; innille dhaqee Adoniyaa dhowee ijjeese.
31 Achiin duuba Mootichi Solomoon Benaaya'aan, «Akkuma Yo'aab siin jedhe, isa ijjeesiitii awwaali; akka kanaan yakkaa Yo'aab dhiiga nama yakkaa hin qannee dhangalaasiisaan nutti fide, anaa fi mana abbaa kiyya irraa qulqulleessi. 32 Abbaan kiyya Daawiti adoo hin beekin, Yo'aab ajajaa loltoota Israa'elii ilma Neerii Abneerii fi ajajaa loltoota Yihuda'aa ilma Yeterii Amaasaa, worra isa caalaa balchaa te'ane, lolee shallaaga'aan waan ijjeeseef, dhiiga inni dhangalaaseef, Mootiin Waan Maraa haluu isa hin baya. 33 Yo'aab namoota san ijjeesiisaan, yakkaan inni yakke mataa isaatii fi mataa sanyii isaatitti deebituu ti; Daawitii fi maatii isaatiifille, sanyii isaatii fi barcumaa mootummaa isaatiifille ammoo nageenni Mootii Waan Maraa haga bara baraa te'uu ti» jedhe.
34 Maarre ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan dhaqee Yo'aab dhowee ijjeese; Yo'aab lafa goomole'ee keessatti lafa ifiititti awwaalame. 35 Mootichi Solomoon, ilma Yehoyaada'aa Benaayaa addee Yo'aabiititti ajajaa loltootaa godhe; hayyicha Zaadoq addee Abiyaataariititti hayyicha godhe.
38 Shime'ille deebisee mootichaan, «Wonni ati jette dansa'a; ani tajaajilaan keeti akkuma ati goottaan kiyya mootichi jette hin godha» jedhee, qachaa Yerusaalemii keessa yennaa hedduu le'e.
39 Woggaa sadiin duuba ammoo, garboolee Shime'ii keessaa lama isa duraa baddee, gara mooticha qachaa Gaatii, ilma Ma'aka'aa Akiishitti baqatte. Shime'i garbooleen isaa Gaati akka jirtu yennaa dhage'e, 40 harree ifii kooraa itti qopheeffatee isaan barbaadiisaaf, gara Akiishii mooticha qachaa Gaatii dhaqee, garboolee ifii achitti dhaggee, gara mana ifii fudhatee gale. 41 Shime'i qachaa Yerusaalemii keessaa bayee, gara qachaa Gaatii dhaqee akka deebi'e, mootichi Solomoon yennaa dhage'e, 42 isatti ergee, «Addee dhibii deemiisaaf jettee, qachaa Yerusaalemii keessaa yoo baate akka duutu beeki» jedhee, maqaa Mootii Waan Maraatiin si kakachiisee, ani si ifi eeggachiisee hin jiruuyyuu? Atille, «Wonni ati jette dansa'a! Si'iifille hin ajajama» naan jetteerta. 43 Maarre kakuu maqaa Mootii Waan Maraatiin kakattee fi ajaja kiyya maaf hin eeganne ree? 44 Mootichille deebisee, «Yakkaa abbaa kiyya Daawiti irratti hujje duudii gadhaan keeti hin beeka; maarre amma waan hantuu ati hujjeef Mootiin Waan Maraa si hin adaba. 45 Ani mootichi Solomoon ammoo hin eebbifama; barcumaan mootummaa Daawitiille haga bara baraa Mootii Waan Maraa duratti jabaatee hin dhaabbata» jedhe.
46 Achiin duuba mootichi, akka Shime'i ijjeesuuf, ilma Yehoyaada'aa Benaayaa ajaje; Benaayaalle dhaqee Shime'i dhowee ijjeese. Solomoonille mootummaa san harkatti galfate.
<- 1 Moototaa 11 Moototaa 3 ->
Languages