1 Mootichi Solomoon dubartoota biyya ormaa hedduu jaalate; inni intala mooticha Gibxi'ii maleelle, durra worra Mo'aabii, durra worra Amoonii, durra worra Edoomii, durra worra Sidooniitii fi Heetii fuudhe. 2 Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiin, «Durra gosa biyya adda addaa yoo fuutane, isaan dhugumaan gadhaa keessan gara waaqota ifii waan deebisanuuf, durra teessan ilmaan isaanii hin heerumsiisina'a; ilmaan teessanille durra isaanii hin fuusisina'a» jedhee itti seereeraayyu; Solomoon ammoo, guddoo isaan jaalate. 3 Solomoon durra maatii moototaa keessaa niitota dhibba torbaa fi gursumeeyyii dhibba sad qabaayyu; isaan akka inni Waaqa irraa fagaatu godhane. 4 Yennaa inni dulloome, niitoti isaa akka inni waaqota dhibii waaqonfatu godhane; Solomoon akka abbaa ifii Daawitii, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii gadhaa tokkochaan hin waaqonfanne. 5 Inni waaqa dharaa diqachiisaa worra Sidoonii ta, «Ashitaaroti» jedhantuu fi waaqa dharaa ka worra Amoonotaa ka, «Moleek» jedhamu waaqonfate. 6 Solomoon fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje malee, akka abbaa ifii Daawitii, addatamumma'aan Mootii Waan Maraa hin hordonne. 7 Inni waaqa dharaa jibbisiisaa worra Mo'aabii ka, «Kemoshi» jedhamuu fi waaqa dharaa jibbisiisaa worra Amoonotaa ka, «Moleek» jedhamuuf, addee waaqonfanna'aa gaara qachaa Yerusaalemii irraa, gara aduun baatu jiru irratti ijaarsise. 8 Inni niitota ifii ta waaqota ifiitiif hixaana aarsituu fi ciincaa dhikeessitu, ta biyya ormaatii fuudhe maraafille akkasuma huje.
9 Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, ka yennaa lama isatti mudhate irraa waan fagaateef, Mootiin Waan Maraa Solomoonitti aare. 10 Solomoon waaqota dhibii akka hin waaqonfanne, Mootiin Waan Maraa isa ajajeeraayyu; inni ammoo waan Mootiin Waan Maraa isa ajaje hin eeganne. 11 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Solomooniin, «Eega tana gootee, gondooroo na woliin gondoorattee fi seerata kiyya ka ani si ajaje eegatuu eega dhadde, mootummaa teeti si irraa fuudhee, tajaajiltoota teeti keessaa nama tokkoof hin kenna. 12 Te'uu malee, ani bara ilma keetii keessa mootummaa teeti isa irraa fuudha malee, abbaa keeti Daawitiif jedhee, bara jiruu teetii keessa tana hin godhu. 13 Tajaajilaa kiyya Daawitii fi qachaa Yerusaalemii ka filadheef jedhee, gosa tokko ilma keetiif hin kenna malee, mootummaa san guutumatti ilma keeti irraa hin fudhadhu» jedhe.
Diinota Solomoonii
14 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa maatii mootota Edoomii keessaa diina, «Hadaad» jedhamu tokko, Solomoon irratti kaase. 15 Daawiti worra Edoomii lolee biyya isaanii yennaa qabate, ajajaan loltoota isaa Yo'aab, Israa'eloota du'ane awwaaliisaaf ol bayee, dhiira Edoom keessa jirtu mara ijjeese. 16 Yo'aabii fi Israa'elooti marti, dhiira Edoom keessa jirtu mara ijjeesanee haga fixanutti ji'a jaa achi turane. 17 Bara san Hadaad ilma diqqa'a; inni tajaajiltoota abbaa ifii gamisa woliin, gara biyya Gibxi'ii baqate. 18 Isaan biyya Miidiyaanii irraa ka'anee, biyya gara biyya Phaara'aa dhaqane; achiin duuba biyya Phaara'aa keessaa namoota fudhatanee, gara Fara'oonii mooticha Gibxi'ii dhaqane; mootichille mana, sagale'ee fi lafa Hadaadiif kenne. 19 Hadaad fuula mootichaa duratti fudhatama waan dhaggateef, mootichi obboleettii niitii ifii, «Taahafenes» ta jedhantu isa heerumsiise. 20 Isiin Hadaadiif ilma, «Genubaat» jedhamu deette; Taahafenes mana mooticha Gibxi'iititti isa gudditte; innille ijoollee mootichaa woliin le'e.