3 Ani waan ifiif fudhadhe ka waan duudii caalu isinii dabarseera; wonni ani isinii dabarselle: akkuma Barreeffama Woyyicha keessatti barreenfante Kiristoos cubbuu teennaaf du'ee, 4 awwaalamee, akkuma Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffantetti, guyyaa sadiin duuba du'aa ka'eera ta jettu. 5 Inni Pheexroositti mudhattee, achiin duuba barattoota ifii kudhanii lamatti mudhate.[a] 6 Saniin duuba hordofattoota ifii ka dhibba shaniin ol te'anutti yennaa tokkotti mudhate; hedduun isaanii haga ammaa hin jiran; gariin ammoo du'aneeran. 7 Yaaqoobitti mudhateen duuba ammoo, ergantoota maratti mudhate.
8 Muummee irratti ana nama akka sadheessaa te'elle'etti mudhate.[b] 9 Ani ergantoota duudii keessaa diqqa'a; wolde'a Kiristaanaa ka Waaqaa irralle'etti waan miidhaa geessiseeruuf ergamaa jedhamiisaaf nama te'uu moti. 10 Amma ammoo badhaadha Waaqaatiin akka amma te'e kana te'ee dhaggama; badhaadhi inni naaf kennelle akkanumaan hin hanne. Ani ergantoota taan caalaa dadhabee hujeera; tana ka huje badhaadha Waaqaa ka na woliin jiru malee, anaa moti. 11 Maarre analle te'e isaan, woma kana lallanna; isinille waanuma kana dhugeeffattane.
20 Kiristoos ammoo dhugumaan du'aa ka'ee, worra du'eef angafa te'ee du'aa ka'a isaanille mirkaneesse. 21 Duuti karaa nama tokkootiin akkuma dhutte, du'aa ka'iis worra du'eelle karaa nama tokkootiin dhutte. 22 Nami marti akkuma Addaamiin du'u, akkasuma nami marti Kiristoosiin jiruu hin dhaggata. 23 Tun tokko tokkoofuu badoo badoo'oonuu teeti; Kiristoos du'aa ka'ee angafa akkuma te'e, worri ka Kiristoosii te'anelle, yennaa inni dhufu du'aa hin ka'an. 24 Achiin duuba Kiristoos bulchitoota, worra baallii qabuu fi hunna qabu balleessee, mootummaa Waaqa Abba'atti yennaa kennu, muummeen biyya lafaa hin teeti. 25 Waaqi diinota isaa mara miila isaa jala haga keyutti, Kiristoos mowuu qaba. 26 Diinni injifatamee muummee irratti badu du'a. 27 Barreeffam Woyyichi, «Waaqi waan mara miila isaatiin jala godheera» jedha. «Waan duudii miila isaatiin jala godheera» yennaa jedhu, Waaqi waan duudii miila Kiristoosiitiin jala godhe, ifiif ammoo miila jala akka hin galiin ifa. 28 Wonni duudiin baallii Kiristoosiitiin jala teeteen duuba, Ilminuu Waaqa waan duudii isaan jala godhe jala ifi godha; Waaqille waan mara guutumatti hin bulcha.
29 Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, namooti marroo worra du'eetiif jedhanee cuuphamanu bu'aan isaanii maan ree? Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, kolbaan tun maaf addee isaanii cuuphanti ree? 30 Nuutille maaf yennaa mara balaa keessa ifi galchina ree? 31 Obboleeyyan tiyya! Guyyaa guyya'aanuu duuti na dhaqqaddi. Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isiniin waan ifi jajuuf, ani tana isinitti hima. 32 Akka yaada namaa qofaan, Efesoon keessatti bineensaan wol loluun kiyya bu'aan maan ree? Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, «Boru waan duunuuf, kowa'a hin nyaanna, hin unna» akkuma jedhante te'uu isi'ii ti.
33 Hin gowwoomina'a. «Hari'aan badduun amala dansaa balleessiti». 34 Gara qalbii teessanii deebi'a'a. Cubbuulle hin hujina'a. Isin keessaa worri gariin ka Waaqa hin beenne jira. Ani isin qaanessiisaaf tana dubbadha.
39 Foon marti tokkoo moti; foon namaa gosa tokko; foon bineensaa ka dhibi'i; ka sinbirrootaa ka dhibi'i; ka qurxummi'iille ka dhibi'i.
40 Nafi worra ol-gubba'aa jira; nafi worra lafaalle jira. Teetuu malee ulfinni nafa worra ol-gubba'aa gosa tokko; ulfinni nafa worra lafaalle gosa dhibi'i.
41 Ulfinni adu'uu gosa tokko; ulfinni ji'aa ka dhibi'i; ulfinni urjootaalle gosa dhibi'i; urjiin takka ulfinna urjii dhibi'ii irraa adda te'e qaddi.
42 Ka'iis worra du'eelle akkasuma te'a. Nafi du'ee awwaalamee badu, nafa jiraataa hin banne te'ee ka'a. 43 Nafi salphinnaan awwaalame, ulfinnaan hin ka'a; nafi dadhabaan awwaalame, hunnaamessa te'ee hin ka'a. 44 Nafa foonii te'ee ka awwaalame nafa ayyaanticha te'ee hin ka'a. Maarre nafi foonii eega jiraate, nafi ayyaantichille jira. 45 Barreeffam woyyichi, «Nami qaraa Addaam foon jiruu qabu te'e» jedha; Addaamiin duuba ammoo, Ayyaana jiruu kennu te'e. 46 Ka dura dhufe nafa fooniiti malee, nafa ayyaantichaa moti. Nafi ayyaantichi nafa foonii saniin duuba dhufe. 47 Nami duraa Addaam lafa irraa waan dadameef, nama biyya lafaati; namichi lammeesso'oo ol-gubbaa irraa dhufe. 48 Worra lafaa ka te'ane, namicha lafa irraa dadame fakkaatan; worra ol-gubba'aa ka te'ane nama ol-gubba'aa dhufe fakkaatan. 49 Nafa nama lafa irraa dadamee akkuma fakkaannu, akkasuma nafa nama ol-gubba'aalle hin fakkaanna.
50 Obboleeyyan tiyya! Nami foonii fi dhiigaan mootummaa Waaqaa dhaaluu akka hin dandeenne, yookiin nafi du'aan badu nafa jiraataa hin banne akka hin dhaalle isinitti hima.
51 Ani dhossaa takka isinitti hima. Nuuti maraa hin jijjiiranna malee hin duunu. 52 Tultullaan muumme'ee yennaa afuufamu, nuuti akka lipheettii ilaa takkumaan hin jijjiiranna. Tultullaan hin afuufama; worri du'e ka hin banne te'ee hin ka'a; nuutille hin jijjiiranna.[d] 53 Nafi badu kun ka hin banne, nafi du'u kunille ka hin duune uffatuu qaba. 54 Maarre nafi badu kun ka hin banne, nafi du'u kunille ka hin duune yennaa uffatu, Barreeffam woyyichi, «Duuti injifacha'aan liqinfante»; 55 akkasuma,
58 Tanaaf obboleeyyan tiyya ta jaalatantane! Jabaadha'aa dhaabbadha'a. Waan tokkolle'een hin daaqina'a. Hujii Gootta'aatiif ka dadhaddanu toluma akka hin te'in beeka'aatii, yennaa mara hujii Gootta'aa hujiisaaf jabaadha'a.
<- 1 Worra Qorontoosii 141 Worra Qorontoosii 16 ->
Languages