5 Isin duudiin afaan haareyaan akka dubbattanu hin jaaladha; ammoo san caalaa kennaa raaga dubbatiisaa akka qabaattanu jaaladha. Waan afaan haareyaan dubbatame san, akka wolde'i kiristaanaa ittiin ijaaramu nami tokko yoo hiike malee, nama afaan haareyaan dubbatu caalaa ka raaga dubbatutti caala. 6 Maarre obboleeyyan tiyya! Ani mudhii yookiin beekkumsa yookiin raaga yookiin barsiisa tokko adoo hin dubbatin, afaan haareya calla'aan dubbataa gara keessan yoo dhufe, maan isinii baya?
7 Suusullee yookiin kiraara meya lubbuu hin qanne irrattuu, qoonqoon afuufantu yookiin dhowantu sun qoonqoo adda addaa yoo hin qabaatin, qoonqoon isaan dhageessisanu ta attamii akka teete attamiin beekkanti ree? 8 Tultullaan afuufamee, qoonqoon isaalle qulloottee yoo beekkamuu dhadde, eennuttuu lolaaf qophowa ree? 9 Akkasuma, wonni isin afaan haareyaan dubbattanu ka hin beekkanne yoo te'e, nami waan isin dubbattane attamiin beekuu dande'a ree? Isin akka waan qilleensatti dubbattanuu teetan. 10 Biyya lafaa irratti afaan hedduun adda addaa jira; isaan keessaa hiikkaa ka dhabe hin jiru. 11 Ani hiikkaa afaan dubbatamuu san yoo beekuu dhabe ammoo, nama dubbatu biratti orma te'a; innille orma natti te'a. 12 Maarre isin kennaa Ayyaana Woyyichaa dhaggatiisaaf eega dharraatane, waan duuchii caalaa kennaa wolde'i kiristaanaa ittiin ijaaramu akka dhaggattanu jabaadha'aa barbaada'a.
13 Tanaaf nami afaan haareyaan dubbatu, waan dubbate san hiikuu akka dande'u daadimatuu qaba. 14 Ani afaan haareyaan[a] yoo daadimadhe, ayyaanni kiyya hin daadimata; qalbiin tiyya ammoo womaa hin hujju. 15 Maan godhuu qaba? Ani ayyaana kiyyaan hin daadimadha; qalbii tiyyaalle'een ammoo hin daadimadha; ayyaanaan hin faarsa; qalbii tiyyalle'een ammoo hin faarsa. 16 Ati ayyaana keetiin yoo Waaqa galateeffattu, nami wonni ati jettu haareya itti teetee, hiikkaa dubbi'ii hin beekin, daadimannaa galataa ta ati dhikeessitutti, «Attam Ameen» jechuu dande'a ree? 17 Daadimannaan galataa ta ati dhikeessite dansaa teetulle, nami dhibiin ammoo ittiin hin jabaatu.
18 Ani isin duudii caalaa afaan haareyaan waan dubbadhuuf, Waaqa galateeffadha. 19 Te'uu malee wolde'a kiristaanaa keessatti, afaan hin beekkanneen jecha kuma kudhan dubbachuu irra, namoota dhibii barsiisiisaaf, jecha shan afaan beekkamuun dubbatuu jaaladha.
20 Obboleeyyan tiyya! Waan hantu'uuf daa'immaan te'a'a; yaada keessaniin ammoo worra guddatane te'aa malee, daa'immaan hin te'ina'a. 21 Barreeffama Woyyicha keessatti,
22 Tanaaf afaan haareyaan dubbachuun beessisa worra hin dhugeeffanneef kenname malee, worra dhugeeffateef ka kennamee moti; raagi ammoo worra dhugeeffateef malee, worra hin dhugeeffanneefii moti.
23 Maarre wolde'i kiristaanaa marti wolitti qabamee, nami marti afaan haareyaan yoo dubbate, namooti hiikkaa dubbii sanii hin beenne yookiin worri hin dhugeeffatin yoo ol seenane isiniin, «Worri kun maraateera» hin jedhanuu ree? 24 Ammoo isin martinuu adoo raaga dubbatiisatti jirtanuu, nami hin dhugeeffatin yookiin nami dubbiin tun isaaf hin galle yoo ol seene, waan dhage'een cubbuu ifii hubata. Akkasuma dubbii dhage'u duudi'iin isatti muranti. 25 Dhossaan gadhaa isaa keessa jirtulle ifatti hin baati; innille addaan lafatti jigee, «Dhugumaan Waaqi odduu teessan jira» jedhaa Waaqaaf sagada.
36 Jechi Waaqaa isin irraa dhufee? Yookiin isin qofa geyee? 37 Nami tokko ani raaga'a yookiin kennaa ayyaanaa qaba ka jedhu yoo jiraate, ajaji ani barreesse kun ka Gootta'aa akka te'e beekuu ti. 38 Nami tana hin beenne ammoo, inninuu hin beekkamu.
39 Tanaaf obboleeyyan tiyya! Raaga dubbatiisaaf jabaadha'aa barbaada'a; afaan haareyaan dubbatiisalle hin dhooggina'a. 40 Wonni duudiin ammoo, karaa qajeela'aa fi seeraan te'uu ti.
<- 1 Worra Qorontoosii 131 Worra Qorontoosii 15 ->- a Afaan haareyaan: Afaan hin beekkanneen
Languages