8 Haga guyyaa jila Phenxeqosxe'eetitti ammoo, qachaa Efesoonii keessa hin tura. 9 Balbalti badhoon bu'aa qabeettiin naaf bananteerti. Worri ana mormu ammoo heddu'u.
10 Ximootewoos gara keessan yennaa dhufe, akka inni sodaa malee isin woliin tee'u akka gootanu hubadha'a; sababille inni akkuma kiyya hujii Gootta'aa hujaara.[b] 11 Nami tokkolle isa hin tuffatin; ammoo akka inni nageyaan gara kiyya deebi'u isa gargaara'a. Deebi'iisa isaa obboleeyyan woliin eegiisatti jirra.
12 Marroo obboleessa keenna Apholoosiille, akka inni obboleeyyan dhibii woliin dhufee isin ilaaluuf, guddoo isa magannifadhe. Inni ammoo amma dhufiisa hin barbaadu; te'uu malee yoo itti tolte hin dhufa.
15 Obboleeyyan tiyya! Isxifaanosii fi maatiin isaa lafa Akaayya'aa keessatti kiristaana jalqabaa akka te'anee fi dhugeeffattoota tajaajiliisaaf akka ifi kennane hin beettan.[c] 16 Namoota akkasiitii fi worra isaan woliin hujaa dadhabanuuf akka ajajantanuuf isin kadhadha'a.
17 Dhutti Isxifaanosii, Fortunaaxosiitii fi Akaayqosisii guddoo na gammachiitteerti. Sababille waan isin na woliin as hin jiraatiniif, waan na irraa dhidhate naa guutaneeran. 18 Isaan gadhaa kiyyaa fi keessan gabbi tolchaneeran. Worra akkasii kana yaadadha'a.
19 Wolde'ooti kiristaanaa ka Asiyaa keessa jiranu nageya isiniif dhaaman; Aqiila'aa fi Phirsikaan, wolde'a kiristaanaa ka mana isaaniititti wolitti qabamu woliin maqaa Gootta'aatiin nageya isinii dhaaman.[d] 20 Dhugeeffattooti asi jiranu duudiin nageya isinii dhaaman.
21 Nageya kana ani Phawuloos harkuma kiyyaan isinii barreesse.
22 Ka Goottaa hin jaalanne yoo jiraate, ka abaarame te'uu ti! Goottaa keenna koottu![e]
23 Badhaadhi Goottaa keenna Yesuusii isin woliin jiraatu.
24 Jaalalli kiyya karaa Kiristoos Yesuusiitiin isin duudii woliin jiraatu. Ameen.
<- 1 Worra Qorontoosii 15
Languages