4 Jaalalli ossaamessa; jaalalli arja'a; jaalalli hin hinaafu; hin bondhooru; ifi hin jaju. 5 Jaalalli jallichaa moti; jaalalli bu'aa ifii qofa hin barbaadu; jaalalli hin bilinjawu; jaalalli yakkaa hin laakkowu. 6 Jaalalli dhuga'atti malee, hammeennatti hin gammadu. 7 Jaalalli yennaa mara hin ossa; yennaa mara dhugeeffata; yennaa mara hin addata; yennaa mara ciniinnatee ossata.
8 Jaalalli ijjumaa hin badu; ammoo raaga dubbatiisalle yoo te'e, hin hafa; afaan haareyaan dubbatiisalle yoo te'e, hin hafa; beekkumsalle yoo te'e, hin hafa. 9 Sababille wonni nuuti beennu gamisa; raagi nuuti dubbannulle gamisa. 10 Wonni mijuu teete yennaa dhuttu, wonni gamisa teete hin baddi.
11 Ani yennaa ijoolle'ee akka ijoolle'ee dubbadhe; akka ijoolle'ee yaadadhe; akka ijoolle'ee herrege; amma ammoo, guddadheen duuba amala ijoollumma'aa lakkiseera. 12 Wonni amma nuuti dhagginu akka daaw'itii keessatti caararra'aan dhagginuu ti; yennaa san ilumaan hin dhaggina. Wonni ani amma beeku gamisa; yennaa san qixxee Waaqi na beekutti, beekkumsa guutuu hin qabaadha.
13 Yoona dhugeeffannaan, addi'ii fi jaalalli, isaan sadiinuu jabaatanee jiraatan; isaan kana keessaa ka caalu ammoo jaalala.
<- 1 Worra Qorontoosii 121 Worra Qorontoosii 14 ->
Languages