7 Yennaa isaan dhugaa bayiisa fixatane, bineensi hamaan[b] boolla qilee keessaa bayee isaan adhee injifatee, hin ijjeesa. 8 Reeffi isaaniille hodhicha guddaa qachaa gudda'aa irra hin ciciisa; qachaan kun addee Goottaan isaanii itti fannifame, ta yennaa fakkeennaan dubbatantu[c] Sodoom yookiin Gibxi jedhantu. 9 Kolbaa adda addaa keessaa, gosa adda addaa keessaa, afaan adda addaatii fi gosa biyya adda addaa keessaa worri dhufane, guyyaa sadii fi wodhakkaa reeffa isaanii hin daaw'atan, hin awwaalchisanulle'e. 10 Raagoti lamaan tun worra lafa irra le'anu waan farrisiisaneeranuuf, worri lafa irra le'anu du'a raagota tanaatitti gammadanee jilifatan; woliifille kennansa hin kennan. 11 Guyyaa sadii fi wodhakka'aan duuba ammoo, hafuurri jiru'uu Waaqa biraa dhufee itti gale; isaanille ka'anee miila ifiitiin dhaabbatane; worri isaan dhagge duudiin bararaqe. 12 Achiin duuba ol-gubbaa irraa qoonqoo guddoo ta, «Asi baya'a!» isaaniin jettu dhage'ane; diinoti isaanii adoo ilaalanu duumensa keessa gara ol-gubba'aa bayane. 13 Saatuma sanitti tacho'i lafaa guddaan te'ee, qachaan sun harka kudhan keessaa harki tokko diigame; tacho'a lafaa saniin namooti kum torba du'ane; worri hafanelle bararaqanee, Waaqa ol-gubba'aatiif ulfinna kennane.[d]
14 Aanneen lammeesso'oo dabarteerti; kunoo aanneen sadeesso'oo dhufaarti.
16 Maanguddooti diddamii afur, ka fuula Waaqaa duratti barcumaa ifii ka mootumma'aa irra tee'aneeranulle, addaan gombifamanee Waaqaa sagadanee,
19 Achiin duuba Galmi Waaqaa ka ol-gubba'aa baname; Galma Waaqaa keessatti saanduqi Gondooroo[f] isaa mudhate. Balaqqeettiin balaqqittee, huuruun dhage'antee, mandiisuun mandiitee, latti tachootee, dhakaan bokkeyaa guddaalle bu'e.[g]
<- Mudhii Yohaannisii 10Mudhii Yohaannisii 12 ->- a Mikanu: Hagam akka dheeratuu fi badhatu ittiin ilaalanu, yookiin likkanu
- b Bineensi hamaan: Doobbaan yookiin bineensi Iyyaa fakkaatu
- c Yennaa fakkeennaan dubbatanu: Yookiin ila ayyaanaatiin ilaalamu
- d Mudh. 6:12; 16:18
- e Kiristoosii: Masiihii
- f Saanduqi Gondooroo: Amaariffaan, «Taabota»
- g Mudh. 8:5; 16:18; 21
Languages