5 Kanaan duuba ergamaa Waaqaa ka abbaaya'aa fi lafa irra dhaabbateeruun dhagge sun harka ifii middicha gara ol-gubba'aa ol kaase. 6 Innille maqaa Waaqa bara baraa haga bara baraa jiraatuutiin, ka ol-gubba'aa fi waan isii keessa jiru, ka lafaa fi waan isii keessa jiru, ka abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru dadeetiin kakatee, «Yoona hin turu! 7 Guyyoota ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oo tultullaa ifii afuufutti ammoo, akkuma inni tajaajiltoota ifii raagotatti mudhisetti dhossaan Waaqaa hin muummotti» jedhe.
8 Achiin duuba qoonqoon ani ol-gubbaa irraa dhage'e tuun ammalle, «Dhaqiitii harka ergamaa Waaqaa, ka abbaaya'aa fi lafa irra dhaabbateeru irraa, Kitaaba diqqicha maramaa, ka banameeru fudhadhu» jettee natti dubbatte. 9 Anille gara erganticha Waaqaa dhaqee Kitaaba diqqicha maramaa san akka naaf kennu gaafadhe; innille, «Fudhadhuu nyaadhu! Inni afaan keeti keessatti akka dammaa hin mi'owa, gadhaa keeti keessatti ammoo hin hadhowa» naan jedhe. 10 Kitaaba diqqicha san harka ergamaa Waaqaa irraa fuudhee nyaadhe; afaan kiyya keessatti akka dammaa mi'owe; nyaadheen duuba ammoo gadhaa kiyya keessatti hadhowe. 11 Achiin duuba, «Ati marroo kolbaa adda addaa, marroo gosa biyya adda addaa, marroo afaan adda addaatii fi marroo mootota adda addaa raaga dubbatuu qadda» jedhamee natti himame.
<- Mudhii Yohaannisii 9Mudhii Yohaannisii 11 ->- a Dhageessitte: Mandiite
Languages