5 Achiin duuba Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isatti dubbate Israa'eloota ajajee, «Wonni gosi sanyii Yoseefii jettu dhuga'a; 6 Marroo durra Zelofehaadiitiif wonni Mootiin Waan Maraa ajaje ka asii gad jiru: Kunille, ‹Eega nama fira gosa abbaa isaanii te'ee, isaan nama ila isaaniititti tole heerumanuu ti. 7 Israa'elooti marti lafa abbootii ifii irraa fudhatane jabeeffatanee waan qabatanuuf latti Israa'elootaa gosa tokko irraa gara gosa dhibi'iititti hin dabartu. 8 Israa'elooti marti lafa abbootii ifii waan dhaluu qabanuuf, durri gosa Israa'elii keessaa lafa qabanu marti gosa abbaa ifii keessaa nama tokko heerumanuu ti. 9 Israa'elooti marti lafa ifii jabeeffatanee waan qabatanuuf, latti gosa tokko irraa gara gosa dhibi'iititti hin dabartu› jedheera» jedhe.
10 Maarre durri Zelofehaadii akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje godhane. 11 Durri Zelofehaadii Maahilaa, Tiirzaa, Hoglaa, Miilka'aa fi No'aa. Isaan ilmaan obboleeyyan abbaa ifii heerumane. 12 Isaan fira sanyii Minaasee ilma Yoseefii heerumane; latti isaaniille firaa fi gosuma abbaa isaaniitiif hatte.
13 Fuullee Yeriko'oo, laga Yordaanosiitiin gama, dirree Mo'aabii keessatti ajajii fi seerati Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin Israa'elootaaf kenne isaan kana.
<- Kitaaba Seera Laakkossaa 35
Languages