9 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 10 «Ati Israa'elootatti dubbadhuutii, isaaniin, ‹Laga Yordaanosii gamatti buutanee, gara lafa Kana'aanii yennaa seentanu, 11 Qachoota nami danu'uun nama ijjeese itti baqatu filadha'a. 12 Qachooti sun nami nama ijjeese mura'aaf wolde'a dura adoo hin dhaabbatin akka hin ijjeefanne, nama haluu bayu duraa addee itti baqatu hin te'an. 13 Qachoota isin Lewwootaaf kennitanu keessaa, qachooti jaa ka isin itti baqattanu hin te'an. 14 Laga Yordaanosii irraa karaa baya adu'uutiin Qachoota sad, lafa Kana'aanii keessaa qachoota sad qachoota nami itti baqatu kenna'aaf. 15 Qachooti jaan kun isin Israa'eloota keessaa, alaga'aa fi kolbaa odduu teessan leetu ta dhibii mara keessalle'ee, nama danu'uun nama ijjeeseef addee itti baqattanu hin te'an.
16 « ‹Nami tokko meya sibiilaatiin nama tokko dhowee nami sun yoo du'e, nami sun nama nama ijjeese; nami nama ijjeese sun ijjeefamuu ti. 17 Yookiin nami tokko dhakaa nama ijjeesuu dande'u harkaa qabaatee, nama tokko dhowee yoo ijjeese, nami sun nama dhiigaa ti; nami nama ijjeese sun ijjeefamuu ti. 18 Yookiin nami tokko muka nama ittiin dhowee ijjeesuu dande'u harkaa qabaatee, nama tokko dhowee yoo ijjeese, nami sun nama nama ijjeese; nami nama ijjeese sun ijjeefamuu ti. 19 Nami haluu bayiisaaf barbaadu nama nama ijjeese san ijjeesuu ti; yennaa isa dhagge ijjeesuu ti. 20 Nami tokko beekaa nama dhibii jibbee darbee yookiin waan tokko itti darbatee yoo ijjeese, 21 yookiin jibbee harka ifiitiin dhowee nami sun yoo du'e, inni ijjeefamuu ti; nami sun nama dhiigaa ti; nami haluu bayiisaaf barbaadu yennaa nama nama ijjeese san dhagge ijjeesuu ti.
22 « ‹Te'uu malee, nami tokko diinummaa adoo irraa hin qabaatin dedhuma nama dhibii darbee yookiin waan tokko itti darbatee yoo ijjeese, 23 yookiin adoo isa hin dhaggin, dhakaa nama ijjeesuu dande'u itti darbatee nami sun yoo du'e, inni diina isaa waan hin te'iniif, isa miidhiisaafille beekaa waan hin godhiniif, 24 wodhakkaa nama nama ijjeeseetii fi nama haluu bayuutitti akka seerata kanaatitti wolde'i muraa kennu muraa kennuu ti. 25 Wolde'i sun nama nama ijjeesee himatame san nama haluu bayiisaaf barbaadu san irraa dhooggee, gara qachaa inni itti baqatee san isa deebisuu ti. Hayyichi guddaan zayitii woyyitti'iin muudame sun haga du'utti inni achi turuu qaba. 26 Te'uu malee, nami nama ijjeesee himatame sun meessaa qachaa itti baqate san keessaa alatti yoo baye, 27 nami haluu bayiisaaf barbaadu sun meessaa qachaa saniitiin alatti dhaggee yoo isa ijjeese, yakkaa nama ijjeecha'aatiin hin himatamu. 28 Nami nama ijjeese sun haga hayyichi guddaan sun du'utti qachaa ifii ka itti baqate san keessa turuu qaba; eega hayyichi guddaan sun du'e qofa gara lafa ifii deebi'a. 29 Addee leetanu maratti, dhaloota dhufu mara keessatti kun seerata isiniif te'uu ti.
30 « ‹Nami nama ijjeese yoo dhugaa irratti bayane qofa ijjeefama; te'uu malee dhugaa baya nama tokkoo qofaan nami tokkolle hin ijjeefamin. 31 Nami duuti itti murante, ijjeefamuu ti malee, wodoo isaa hin fudhatina'a; nami sun dhugumaan ijjeefamuu qaba. 32 Nama gara qachaa itti baqatanuu baqate tokko adoo hayyichi guddaan hin du'in akka inni gara lafa ifii deebi'ee le'uuf wodoo irraa hin fudhatina'a. 33 Dhiigi waan lafa batteessuuf, lafa keessa leetanu dhiigaan hin batteessina'a! Dhiiga nama dhiiga dhangalaaseetiin malee, dhiigi nama dhibi'ii dhangalaafamee lafa saniif gumaan hin tolfamin. 34 Ani Mootiin Waan Maraa isin Israa'eloota odduu waan buluuf, lafa keessa leetanuu fi addee anille bulu hin batteessina'a!› jedhi» jedhe.
<- Kitaaba Seera Laakkossaa 34Kitaaba Seera Laakkossaa 36 ->
Languages