6 Waaqille Iyaasu'uun, «Isaan hin sodaatin. Ani boru yennaa tana isaan mara harka Israa'elootaatitti dabarsee kennee, akka qalamanu godha. Ati mogolee fardoo isaanii mogolchiitii, garreettaa isaanii ka fardoole'een harkifamulle ibiddaan guggubi» jedheen. 7 Maarre Iyaasu'uu fi loltoota isaa duudiin dedhuma bisaan Meromii biratti isaan lolane. 8 Waaqille harka Israa'elootaatitti dabarsee isaan kenne. Israa'elooti isaan lolanee haga Sidoonii gudditti'ii, haga Misrefot-Maayimii, karaa aduun baatu haga dhooqa Miispha'aa ari'ane. Nyaapha isaanii keessaa nami tokkolle adoo hin hafin fixane. 9 Iyaasuun akkuma Waaqi isa ajaje godhe; inni fardoo isaanii mogolchee, garreettaa isaanii ka fardo'oon harkifamulle guggube.
10 Yennaa san Iyaasuun gara duubaatitti deebi'ee qachaa Hazoorii qabatee, mootii qachaa saniille shallaaga'aan ijjeese. Qachaan Hazoorii dur mootummaa san duudi'iif qachaa guddicha. 11 Isaan worra achi keessaa duudii shallaaga'aan ijjeesane; nami tokkolle hin hanne; qachaan Hazoorii gubate.
12 Akkuma Muuseen tajaajilaan Waaqaa ajaje, Iyaasuun qachoota sanii fi mootota qachaa sanii duudii qabatee, namoota duudii shallaaga'aan ijjumaa balleesse. 13 Ammoo qachaa Hazoorii ka Iyaasuun gube qofa malee, Israa'elooti qachoota addee dur diigame irratti ijaaramane keessa tokkolle hin gunne. 14 Israa'elooti waan bu'aa qabu duudi'ii fi horii qachaa san keessaa duudii fudhatanee ka ifii godhatane. Namoota qachaa san keessa jiranu duudii ammoo shallaaga'aan ijjeesane; nami tokkolle hin hanne. 15 Waaqi Muusee tajaajilaa ifii akkuma ajaje, Muuseen Iyaasuu ajaje; Iyaasuulle ajajameef. Iyaasuun waan Waaqi Muusee ajaje mara huje malee, tokkolle hin hamburre.
21 Iyaasuun yennaa san biyya koobittii, Kebroonii, Deebirii, Aanaabii, biyya koobittii Yihuda'aa maraa fi biyya koobittii Israa'elii maralle dhaqee Aanaaqota bibbineeyyii qachoota isaanii woliin ijjumaa balleesse. 22 Aanaaqota garii qofatti Gaazaa, Gaatii fi Ashidood keessatti hafe malee, lafa Israa'elootaa keessatti Aanaaqoti tokkolle hin hanne. 23 Iyaasuun akkuma Waaqi Muusee ajaje, lafa san guutumatti qabatee, akka qooda gosa gosa isaaniititti Israa'elootaaf dhaala godhee kenne.
- a Se'iir: Edoomille hin jedhama.
Languages