6 Worri Giibe'onii gara Iyaasuu addee Giilgal jedhantutti qubateeruu ergatanee, «Moototi Amoorotaa worri biyya koobittii keessa le'u duudiin, nu loliisaaf waan wolitti qabamaneeranuuf, goottaa keenna nutti hin daaw'atin; dafii koyii nu qarqaar; nu hamburi» jedhane.
7 Tanaaf Iyaasuun loltoota ifii duudi'ii fi loltoota lolaan beekkamane woliin Giilgalii bayanee deemane. 8 Waaqi Iyaasu'uun, «Ani injifachaa waan sii kenneeruuf isaan hin sodaatin; isaan keessaa nami tokkolle si dura dhaabbatuu hin dande'u» jedhe. 9 Iyaasuun Giilgalii ka'ee halkan guutuu deemaa bulee dedhuma worra Amoorotaatitti dhufe. 10 Waaqi Amooroti Israa'eloota duratti gara itti goranu akka wollaalanu godhe; Israa'elooti Giibe'onitti isaan qalanee, worra hafelle karaa Bet-Horoonitti ol bawu irraa, haga qachaa Aazeqa'aatii fi qachaa Maqeda'aatitti ari'ane. 11 Worri Amoorotaa Israa'elootaan dura Bet-horoon irraa gad adoo baqatuu, haga Aazeqa'aatitti Waaqi gubbaa irraa dhakaa bokkeyaa gugurdaa isaanitti buuse; worra Israa'elooti shallaaga'aan ijjeesane caalaa, worra dhakaa bokkeyaatiin du'etti caala.
12 Guyyaa Waaqi worra Amoorotaa Israa'elootatti dabarsee kenne, Iyaasuun kolbaa Israa'elii dura dhaabbatee Waaqaan,
13 Israa'elooti diinota ifii haga haluu bayanutti aduun dhaabbatte; jiinille adde'ee hin tachoone. Tunille kitaaba Yaashaar barreesse keessatti dhagganti. Aduun guyyaa san guutuu wodhakkaa gubbaa irratti dhaabbattee turte malee, seeniisaaf hin ariifanne. 14 Gaafas Waaqi Israa'elootaaf waan loleef, guyyaan Waaqi itti namaaf dhage'e ka akkasii tanaan qara yookiin duuba tokkolle te'ee hin beeku.
15 Achiin duuba Iyaasu'uu fi loltooti isaa duudiin, gara addee itti qubatanee Giilgalitti deebi'ane.
22 Achiin duuba Iyaasuun, «Afaan godaa bana'aatii mootota shanan san achi keessaa gad baasa'aatii natti fida'a» jedhe. 23 Maarre isaan mootota shanan san mootii Yerusaalemii, mootii Kebroonii, mootii Yarmuutii, mootii Laakiishiitii fi mootii Egloonii goda keessaa gad baasanee gara isaa fidane. 24 Yennaa isaan mootota san gara Iyaasu'uu fidane, Iyaasuun namoota Israa'elii duudii waamee, ajajjoota woraanaa ta ifiitiin, «As kowa'aatii miila keessaniin morma mootota kanaa irra ijjadha'a» jedhe. Isaanille dhufanee miila ifiitiin morma mootota sanii irra ijjatane. 25 Iyaasuulle ajajjuu woraana ifiitiin, «Diinota keessan worra isin lolu'uuf jirtanu duudii Waaqi akkasuma waan godhuuf hin sodaatina'a; hin nayina'a, jabaadha'a jajjabaadha'a» jedheen. 26 Achiin duuba Iyaasuun mootota shanan san ijjeesee, muka shan gubba'atti fannise; reeffi isaaniille haga galgalaa achuma ture. 27 Aduun seenaartuun Iyaasuun reeffi mootota sanii mukoota itti fannifame irraa akka gad buufamuu fi goda isaan dur dhokatanee turanetti akka gatamu ajaje. Isaan dhakoota gugurdaa afaan godaa irra keyane; dhakooti sun haga adhaa achi jiran.
29 Achiin duuba Iyaasu'uu fi Israa'elooti isa woliin jiranu marti qachaa Maqeda'aatii gara qachaa Liibna'aa taranee qachaa san lolane. 30 Waaqi qachaa Liibna'aatii fi mootii qachaa sanii harka Israa'elootaatitti dabarsee kenne. Isaan namoota qachaa sanii ijjeesanee, nama tokkolle hin hamburre. Isaan mootii Yeriko'oo akkuma godhane, mootii Liibna'aalle godhane.
31 Achiin duuba Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii duudiin qachaa Liibna'aatii gara qachaa Laakiishii taranee marsanee lolane. 32 Lolli jalqabee guyyaa lammeesso'ootitti Waaqi qachaa Laakiishii harka Israa'elootaatitti dabarsee kenne; isaan akkuma qachaa Liibna'aa godhane, namoota qachaa Laakiishii keessa jiranu duudii shallaaga'aan ijjeesane. 33 Yennuma san Horaam mootiin Gezerii, kolbaa Laakiishi qarqaariisaaf dhufe; Iyaasuun ammoo Horaamii fi loltoota isaa injifate. Isaan keessaa nami tokkolle hin hanne.
34 Achiin duuba Iyaasu'uu fi Israa'elooti isa woliin jiranu duudiin qachaa Laakiishiitii ka'anee, gara qachaa Egloonii dhaqanee marsanee lolane. 35 Isaan gaafasuma qachaa san qabatanee, akkuma qachaa Laakiishii godhane namoota qachaa san keessa jiranu duudii ijjeesane.
36 Achiin duuba Iyaasu'uu fi Israa'elooti isa woliin jiranu duudiin Egloonii ka'anee ol bayanee qachaa Kebroonii lolane. 37 Isaan qachaa Kebrooniitii fi olloota qachaa sanii qabatanee, mootichaa fi namoota mara shallaaga'aan ijjeesane; akkuma qachaa Egloonii godhane qachaa Kebrooniille balleessanee, nami tokkolle hin hanne.
38 Achiin duuba Iyaasu'uu fi Israa'elooti isa woliin jiranu duudiin deebi'anee qachaa Deebirii lolane. 39 Isaan qachaa san, mootii qachaa saniitii fi ollaa cinaa qachaa sanii duudii qabatanee, namoota qachaa san keessaa mara balleessane; nami tokkolle hin hanne. Akkuma Kebroon, Liibna'aa fi mootii isi'ii godhane, Deebirii fi mootii isi'iille akkasuma godhane.
40 Maarre Iyaasuun lafa duudii, biyya koobittii, goodda gara aduun baatuutii fi biyya kooba jalaa, akkasuma biyya goomolee kibba Kana'aanii[a], mootota isaanii mara injifate. Inni akkuma Goottaan Waaqi Israa'elii ajaje nama duudii balleessee, nami tokkolle hin hanne. 41 Iyaasuun Qaadesh Barne'aan haga Gaaza'aa, adaala lafa Gooshenii duudii dabalatee haga qachaa Giibe'onii injifate. 42 Goottaan Waaqi Israa'elii kolbaa Israa'eliitiif waan loleef, Iyaasuun mootota tana duudi'ii fi lafa isaanii yennuma takka'aan qabate. 43 Achiin duuba Iyaasuun Israa'eloota isa woliin jiranu duudii woliin quttuma Giilgaliititti deebi'ane.
<- Kitaaba Iyaasu'uu 9Kitaaba Iyaasu'uu 11 ->- a Kibba Kana'aanii: Afaan Ibrootaatiin Negeb Jedha.
Languages