8 «Tanaaf Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Isin jecha kiyyaaf waan hin ajajaminiif, 9 kunoo ani kolbaa gara kaabaa mara fi tajaajilaa kiyya mootii Baabilonii Nebukadnezaar waamee lafa tanaa fi kolbaa isii keessa leetu, gosa biyya adda addaa ta adaala isi'ii jirtu mara akka lolanuuf hin fida; ani ijjumaa isaan hin balleessa; waan hantuu nami dhaggee bararaqu, waan nami itti murguu fi haga bara baraa ona isaan hin godha. 10 Ani qoonqoo gammadaatii fi ililleetti'ii, qoonqoo waajibichaatii fi waajibitti'ii, qoonqoo daaku'uutii fi ifa issa'aa odduu isaaniitii hin balleessa. 11 Latti tun duudiin goomolee duwwaa teetee, gosi biyya adda addaa tunille woggaa torbaatama mootii Baabilonii hin tajaajilan. 12 Woggaan torbaatam muummotteen duuba mootii Baabiloniitii fi kolbaa isaa, lafa worra Baabiloniille sababa yakkaa isaaniitiif adabee lafa isaanii haga bara baraa ona hin godha. 13 Ani waan biyya san irratti fidiisaaf dubbadhe mara, waan kitaaba kana keessatti barreeffame, ka Ermiyaas gosa biyya adda addaa mara irratti raaga dubbate lafa san irratti hin fida. 14 Isaan gosa biyya addaa heddu'uuf, mootota gugurdo'oofille garba hin te'an; ani akka hujii isaaniititti isaan hin adaba› jedha» jedhe.
17 Maarre ani muduunuu harka Mootii Waan Maraa irraa fuudhee, gosa biyya adda addaa ta inni na itti erge san mara obaase. 18 Yerusaalemii fi qachooti Yihuda'aa, moototii fi qondaaltoti isi'ii akkuma isaan amma jiranu, akka isaan goomolee duwwaa te'anu, akka isaan waan hantuu nami dhaggee bararaqu te'anu, waan nami itti murguu fi waan abaarame akka te'anu, 19 mootii Gibxi'ii Fara'oon, tajaajiltoota isaa, qondaaltota isaatii fi kolbaa isaa mara, 20 kolbaa ormaa ta achi jirtu mara, mootota biyya Uzii mara, mootota biyya Filisxeemotaa mara mootii Ashiqalonii, mootii Gaaza'aa, mootii Eqrooniitii fi worra Ashidood keessatti hafe mara, 21 worra Edoomii, worra Mo'aabii, worra Amoonii, 22 mootota Xiiroosiitii fi Sidoonii mara, mootota lafa qarqara abbaaya'aan gamaa keessa jiranu mara, 23 worra Dedaanii, worra Tema'aatii fi worra Buzii, worra rifeensa mataa ifii cinaa quxatu mara, 24 mootota Arabaa mara, mootota kolbaa ormaa ta goomolee keessa leetu mara, 25 mootota Ziimrii mara, mootota Elaamiitii fi mootota Medoonii mara, 26 mootota biyya kaabaa ta fago'oo fi dhikoo jiranu mara, woluma gula, mootummoota biyya lafaa mara muduunuu tana keessaa obaase; isaan kana maraan duuba mootiin Sheshaakiille[a]hin una.
27 Achiin duuba, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'el anaan, «Ati isaaniin, ‹Ani shallaagaa odduu teessanitti waan erguuf, una'a; machowa'aatii diddiga'a; haganaa achi akka hin kaane jiga'a› jedhi. 28 Isaan muduunuu harka keeti irraa fuudhanee uniisa yoo didane ammoo, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Muduunuu tana irraa una'a. 29 Ani kunoo, qachaa maqaan kiyya itti waamamutti balaa fidiisa hin jalqaba; isin adabbii jalaa hin baatanii ree? Ani worra lafa irra le'u mara irratti shallaagaa waan fiduuf, isin adabbii jalaa hin baatanu› jedhiin» jedhe.
30 Tanaaf Mootiin Waan Maraa ammalle, anaan, «Ee Ermiyaas, dubbii tana mara kolbaa tana irratti raagiitii,
33 Guyyaa san reeffi worra Mootiin Waan Maraa ijjeesee, qaccee lafaatii haga qaccee lafaa taanitti, addee maratti hin dhaggama. Reeffi isaanii lafa irratti akka cego'oo te'a malee, nami isaaniif bowu yookiin nami isaan wolitti qabee awwaalu hin jiru.
34 Isin tissitooti wiiccifadha'aatii bowa'a;
- a Sheshaak: Maqaa Baabilonii ka dhibi'i.
Languages