4 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 5 «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Worra biyya Yihuda'aa keessaa booji'amee gara biyya Baabilonii akka dhaqanu godhe kana akkuma midhaan muka harru'uu dansaa kanaa isaan hin ilaala. 6 Ani akka isaan hin miidhanne isaan eegee gara lafa tanaa akka isaan deebi'anu hin godha; ani isaan hin ijaara malee hin diigu; hin dhaaba malee hin buqqisu; 7 ani qalbii isaan ittiin ani Mootii Waan Maraa akka te'e beekanu isaaniif hin kenna; gadhaa tokkochaan gara kiyya waan deebi'anuuf, isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaaniif hin te'a.
8 «‹Mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa, qondaaltota isaa, worra lubbu'uun hafee Yerusaalem keessa yookiin biyya Gibxi'ii keessa le'u akkuma midhaan muka harru'uu hamaa ka nami nyaatuu hin dandeennee san hin godha. 9 Ani mootummoota biyya lafa maraa duratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan hin godha; addee ani itti isaan bittinneesse maratti akka namooti itti mammaakanu, akka isaanitti murganuu fi akka isaan abaaranu hin godha. 10 Lafa ani isaanii fi abbootii isaaniitii kenne keessaa haga isaan badanutti shallaagaa, beelaa fi balaa isaanitti hin erga› jedha» jedhe.
<- Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 23Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 25 ->
Languages