3 Fardi akka nu'uuf ajajamu bixaala afaan keessa keenna; gara feene isa geessina. 4 Me hoboloo guddittii ilaala'a! Hoboloon guddoon adoo guddo'ootuu, qilleensa jabaalle'een adoo oofantuu, nami hoboloo oofu shaffisaa diqqaa tokkoon gara fedhe oofa. 5 Akkasuma, arrabille qoqoodama nafaa keessaa waan diqqaa tokko adoo te'eeruu, waan gugurdo'oon ifi jaja. Gongomaan guddaan ibidda diqqaa tokkoon attam akka gubatu hubadha'a! 6 Arrabille ibidda. Inni qoqoodama nafaa oddu'utti ka dhaggamu, biyya lafaa ta hammeennaa ti; nafa duudii batteessa; akka ibidda qilee ibiddaa keessaa bayuulle ideensa le'ii teennaa duudii hin guba; ifille'eef ibidda qile'eetiin gubata.
7 Nami bineensota adda addaa, sinbirroota, bineensota lafa irra lowu, bineensota bisaan keessaa leenjisuu hin dande'a; leenjiseeralle'e. 8 Nami arraba leenjisuu dande'u ammoo hin jiru; inni hadhaa du'aatiin ka guutamee fi hamaa hin toowatanne.
9 Nuuti arrabaan Waaqa Abbaa keenna galateessina, isumaanuu namoota fakkeenna Waaqaatiin dadamane abaarra. 10 Afaanuma tokkocha keessaa galataa fi abaarsi baya; obboleeyyan tiyya! Kun te'uu hin malle. 11 Maddi tokkochi bisaan mi'owuu fi hadhowu hin maddaa? 12 Obboleeyyan tiyya! Muki harru'uu midhaan ejersaa, muki woyni'iille midhaan harru'uu buusuu hin dande'aa? Akkasuma maddi horaa bisaan nami unu madduu hin dande'u.
17 Qarummaan ol-gubbaa irraa dhuttu matooma qulqullitti'i; akkasuma nageellitti'i, qajeeltu'u, ifi kennitu'u, mararti'ii fi midhaan dansa'aan ta guutante; wol caalchisiisaa fi kijibille ta keessa hin jirre. 18 Worri nageya buusu, nageya facaasee, midhaan balchumma'aa wolitti qabata.
<- Ergaa Yaaqoobii 2Ergaa Yaaqoobii 4 ->
Languages