5 Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, dhage'aa! Waaqi akka isaan dhugeeffanna'aan dureeyyii te'anuu fi mootummaa inni worra isa jaalatanuuf waadaa gale san akka dhaalanuuf, worra biyya lafaatitti hiyyeeyyii te'ane filateeraa motii? 6 Isin ammoo worra hiyyeeyyii ulfinna dhooggitane; worri isin hacuucu, worri gara kora mura'aa isin harkisu dureeyyi'ii motii? 7 Maqaa dansaa isin ittiin waamantanu ka faanshessu isaanii motii?
8 Seera mootummaa Waaqaa akka Barreeffam Woyyichi, «Ollaa keeti akka ifi jaalattutti jaaladhu» jedhutti, yoo muummessitane dansaa gootane. 9 Nama yoo wol caalchittane ammoo cubbuu hujjan; akka yakkaamessa tokkootitti seerri isinitti mura. 10 Nami tokko seera kaan mara eegatee, tokkocha yoo balleesse, akka waan maraayyuu balleesseetitti yakki itti hin murama. 11 Ka, «Hin gaarayyeeffatin» jedhettuu, «Hin ijjeesin» waan jedheef, ati yoo gaarayyeeffatuu dhaddelle, eega ijjeette yakkaamessa teeteerta. 12 Akka worra seera bilisummaa kennu duratti dhikaatee muraa dhaggatuu dubbadha'a, hujadhaalle'e. 13 Nama marartii hin qannetti, marartii malee itti hin muranti; marartiin muraa hin injifatti.
18 Nami tokko, «Ati dhugeeffannaa qadda; ani hujii dansaa qaba» yoo jedhe, ani, «Dhugeeffannaa teeti hujii irraa gargar baasiitii natti mudhisi; anille dhugeeffannaa tiyya hujii tiyyaan sitti mudhisa» hin jedhaan. 19 Ati Waaqi tokkochi akka jiru hin dhugeeffatta; dansaa goote! Durriisotille tana hin dhugeessan, sodaataneelle hin hollatan.
20 Namicha gowwa'a! Dhugeeffannaan huji'iin malee ta gatii hin qanne[a] akka teete beekiisaaf dhugaa itti barbaaddaa? 21 Abbaan keenna Abrahaam ilma ifii Yisihaq, addee ciincaan itti ciinceffamu irratti yennaa dhikeesse, huji'iinii motii ka balchoome? 22 Tanaan dhugeeffannaan isaa hujii isaa woliin hujataa akka turte, dhugeeffannaalle huji'iin akka muummotte hin dhaggituu? 23 Barreeffam Woyyichi, «Abrahaam Waaqa dhugeeffate, dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowante» jedhu muummowe; innille jaala Waaqaa jedhame. 24 Nami huji'iin malee, dhugeeffannaa qofaan akka hin balchoonne hin dhaggitan.
25 Akkasuma, Rahaabiin sagaagaltittiille yennaa worra Israa'elii ka ergamee dhufe san fudhattee, karaa dhibi'iin akka bayanu goote, hujii ifiitiin balchoontee motii? 26 Nafi hafuura[b] hin qanne ka du'e; dhugeeffannaan hujii hin qannelle ta duute.
<- Ergaa Yaaqoobii 1Ergaa Yaaqoobii 3 ->
Languages