6 Yennaa san nami tokko obboleessa ifii, ka mana abbaa ifii keessa jiru tokko qabee, «Ati woyaa waan qadduuf, sooressa nuuf te'i; itti gaafatamummaa tuulaa diigante tanaalle fudhadhu» hin jedha.
7 Guyyaa san ammoo inni qoonqoo ol qabatee, «Ani sagalee yookiin woyaa mana kiyya keessaa waan hin qanneef, isin qarqaaruu hin dande'u; sooressa na hin godhina'a» hin jedha.
8 Yerusaalemii fi Yihudaan dubbii ifiitii fi hujii ifiitiin Mootii Waan Maraa mormanee, ulfinna isaa waan batteessaneef, Yerusaalem jigiisaaf hin tintinti; Yihudaalle hin jiga. 9 Akka isaan yakkaameyyii te'ane, fuulli isaaniituu dhugaa isaan irratti hin baya; isaan akka worra Sodoomii cubbuu ifii lallaban; hin dhoffatanulle'e; isaan badii waan ifitti fidaneef, isaaniif aanne'e.
10 Balchooti gatii hujii ifii waan dhaggatanuuf, wonni dansaan akka isaaniif te'u'uuf jirtu, itti hima'a. 11 Yakkaameyyiin gatii hujii ifii waan dhaggatanuuf isaaniif aanne'e! Badiin isaan irratti hin dhutti.
12 Dargaggooti kolbaa tiyya cunqursiti; dubartooti isaan bulchiti.
18 Guyyaa san Mootiin Waan Maraa gumee isaan miila ifiititti keyatanu, faaya mataa isaaniitii fi faaya morma isaanii, 19 qubee gurra isaanii, irmuura isaanii, woyaa fuulatti hagooggatanu, 20 marata mata'aa, irmuura isaanii, hanfalaa isaanii, bilqaadii fiqire'ee, qudhaama isaanii, 21 qubee quba isaaniitii fi qubee funnaan isaanii, 22 woyaa jilaa, woyaa isaan keessaan uffatanu, geellaa isaanii, subba harkatti qabatanu, 23 daaw'itii isaanii, woyaa isaanii ta quncee talba'aa irraa hujante, seesa mata'aatii fi fooxaa isaanii isaan irraa hin fuudha.
24 Addee foolee fiqire'ee, fooleen ajoottu, addee hanfala'aa wodaroon, addee rifeensa mata'aa, sanqeen, addee woyaa dansa'aa, woyaan gaddaa, addee dansumma'aa, gadaannis isaanitti hin te'a!
25 Namooti keeti shallaaga'aan, loltooti teetille lola keessatti hin dhumatan. 26 Bowaa fi gaddi Karra Xiyoonii biratti hin te'a; Xiyoon akka dubartii waan mara dhaddee gadditee lafa irra teettuu hin teeti.
<- Isaayaasii Raagichaa 2Isaayaasii Raagichaa 4 ->
Languages