6 Ee Mootii Waan Maraa, ati kolbaa teeti sanyii Yaaqoobii lakkitteerta; isaan moruu worra gara aduun baatuutiin guutamanee, akka worra Filisxeemotaa moran; orma woliin harka dhowan. 7 Latti isaanii meeti'ii fi worqi'iin guutanteerti; karri isaanii haga hin qaddu; lafa isaanii keessa fardoon guutteerti; garreettaan isaanii ka fardaan harkifamu haga hin qabu. 8 Latti isaanii waaqota dharaatiin guutanteerti; isaan waanuma harka ifiitiin hujanetti sagadan. 9 Maarre, sanyiin namaa gad jetteerti; nami marti qaanoweera; Waaqa, isaaniif hin araaramin!
10 Aarii Mootii Waan Maraatii fi hunnaa isaa guddoo duraa gara rassa'aa dhaqa'aatii, lafa keessatti dhokadha'a. 11 Ilti nama kooruu lafa hin ilaalti; worri ifi saadu hin salphata; guyyaa san Mootii Waan Maraa qofatti ulfinnaan ol ol jedha. 12 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, worra kooruu fi ifi saadu irratti, 13 hindheensa dhedheeraa Libaanoniitii fi qilxaa Baashaanii mara irratti, 14 gaarota dhedheera'aa fi koobota ol kaate mara irratti, 15 xelleephoo dhedheertu'uu fi dalleya dhaka'aa mara irratti, 16 hoboloota gugurdoo Tarshiishiitii fi hoboloota mimmidhaaddu mara irratti guyyaa dhufu qaba. 17 Ifi saaduun namaa hin baddi; koorri namaalle hin hafa; guyyaa san Mootii Waan Maraa qofatti ulfinnaan ol ol jedha. 18 Waaqoti dharaa ijjumaa hin badan.
19 Yennaa Mootiin Waan Maraa biyya lafaa tachoosiisaaf ka'u, namooti aarii isaatii fi hunna isaa guddoo duraa gara goda rassa'aatii fi boolla lafaa hin baqatan. 20 Guyyaa san namooti waaqota dharaa waaqonfatiisaaf, meeti'ii fi worqii irraa ka hujatane tuqa'aa fi cirrichoo duratti hin gatan. 21 Yennaa Mootiin Waan Maraa biyya lafaa tachoosiisaaf ka'u, namooti aarii isaatii fi hunna isaa guddoo duraa goda rassa'aatii fi dho'a rassa'aa keessa hin seenan.
22 Nama du'u ka hafuurri isaa funnaanirra jirutti hin addatina'a; inni bu'aa hin qabu.