6 Wonni mara akkasitti qopheeffameen duuba, hayyooti tajaajila ifii muummessiisaaf, yennaa mara gara kolloo dunkaani'ii ta balbalatti aantuu seenan. 7 Kolloo gara boro'oo Hayyicha Guddaa calla'atti seena; innille wogga'atti yennaa tokko callaa seena; inni cubbuu ifiitii fi cubbuu kolbaan wollaalaan huje maraaf, dhiiga dhikeessu adoo hin qabatin hin seenu. 8 Dunkaaniin qaraa haga jirtu karaan gara addee woyyittii woyyootaa geessu, ammalle akka hin banamin Ayyaanni Woyyichi akkasiin mudhisa. 9 Kunille fakkeenna yennaa ammaa ti; kenna'aa fi woreegaan akka kanaan dhikaatanu wodanaa nama waaqonfatuu qulqulleessiisaaf ijjumaa hin dande'anu. 10 Wonni kun mara marroo nyaataatii fi uni'ii, marroo aadaa ifi qulleessiisa adda addaa waan te'eef, seera foonii ka haga yennaan seera haareyaa dhuttutti huju.
11 Kiristoos ammoo waan dadansaa dhufaaruuf Hayyicha Guddaa te'ee mudhateera; dunkaaniin inni seene guddo'oo fi guutu'u; dunkaaniin tun ta harka namaatiin hin hujaminii fi ta dada tana keessaa hin te'in. 12 Kiristoos woreega dhikeessiisaaf dhiiga re'e'eetii fi dardaraa qabatee adoo hin te'in, takkumaan yennaa maraaf dhiiga ifii qabatee, addee woyyittii woyyoota seene; akkasiin wodama bara baraa akka dhagganu nu'uuf godhe. 13 Dhiigii re'e'eetii fi dardaraa, daadhaan goronsa ciinceffameelle namoota battowane irratti facaasuun, battummaa foon isaanii irraa isaan ka qulleessu yoo te'e, 14 dhiigi Kiristoosii ka karaa Ayyaana bara baraatiin, woreega fokkoo hin qanne godhee, Waaqaaf ifi dhikeesse, Waaqa jiraataa akka Waaqonsinuuf, hujii du'atti geessitu irraa attam attam irra caalaa wodanaa keenna qulleessa ree!
15 Worri waamamane dhaala bara baraa ka waadaan galameef akka fudhatanu, Kiristoos Gondooroo Haareyaaf wodhakkicha. Yennaa Gondooroo duraa jala jiranu san cubbuu hujane irraa bilisa baasiisaaf wodoo te'ee du'e. 16 Yoo dhaamati dhaalaa jiraate, du'a nama dhaamatuu san mirkaneeffatiis barbaachisa'a. 17 Dhaamati dhaalaa gaafa namichi dhaala kenne sun du'e callaa hujii irra oola malee, adoo inni jiruu hujii irra ooluu hin dande'u. 18 Tanaaf Gondooroon duraatuu dhiigaan malee hujii irra hin oolle. 19 Muuseen ajaja Seeraa tokko tokkoon kolbaa maraaf himeen duuba, dhiiga dardaraatii fi re'e'ee bisaan woliin fuudhee, baala muka hisoophiitii fi rifeensa hoole'ee diima'aan, Kitaaba Seeraatii fi kolbaa maratti fiffixaa, 20 «Dhiigi gondooro'oo ka akka eeggattanuuf Waaqi isin ajaje kana» jedhe. 21 Akkasuma dunkaani'ii fi meya waaqonfanna'aaf tajaajilu maratti diiga fiffixe. 22 Dhugumaan akka Seera Muuse'eetitti waan diqqoo malee, wonni maraa dhiigaan qulleeffama; adoo dhiigi hin dhangala'in araarri cubbu'uu hin jiru.
Languages