1 Seerri waan dansaa dhufuuf gaaddiddu'u malee, akka akki isaa jiru ka dhuga'aatii moti; tanaaf wogguma wogga'aan yennaa mara woreega woreegamu worra gara Waaqaa dhikaatu guutuu godhiisaaf ijjumaa hin dande'u. 2 Adoo Seerri isaan guutuu godhiisaaf dande'ee jiraate, worri waaqonfatiisaaf dhikaatu karaa itti deddeebii hin qanneen cubbuu irraa waan qulqulloomuuf, wodanaa isaaniititti cubbuun isaanii waan hin dhage'anneef, sila woreega dhikeessiisa hin lakkisaniiyyu. 3 Woreegi kun marti ammoo wogguma wogga'aan ka isaan cubbuu ittiin qaabatanu. 4 Sababille dhiigi dardaraatii fi re'e'ee cubbuu balleessiisaaf hin dandeenne.
5 Tanaaf Kiristoos gara biyya lafaa yennaa dhufe,
11 Hayyichi mara guyyuma guyya'aan dhaabbatee tajaajila hayyumma'aa tajaajila; woreega cubbuu balleessiisaaf hin dandeenne sanille yennaa mara dhikeessa. 12 Kiristoos ammoo woreega tokkocha yennaa maraaf te'u dhikeesseen duuba, midda Waaqaatitti tee'eera. 13 Yennaa sanii jalqabee diinoti isaa ejjata miila isaa akka te'anu eeggatiisatti jira. 14 Sababille inni worra woyyoome san woreega tokkochaan haga bara baraa guutuu akka te'u godheera.
15 Ayyaanni Woyyichille marroo waan kanaa dhugaa nu'uuf hin baya. Inni duraan dursee,
18 Eega kana araarri maraaf kenname, haganaa achi woreegi cubbu'uuf dhikeeffamu hin jiraatu.
26 Dhugaa beenneen duuba, beekaatuma cubbuu yoo hunye, haganaa achi woreegi cubbu'uuf dhikaatu hin jiru. 27 Amma ammoo, muraa sodaachisuu fi ibidda hamaa mormitoota Waaqaa nyaatu eeggatiisatti hafeera. 28 Nama Seera Muuse'eetiif ajajama dhabe, yoo nami lama yookiin nami sad itti dhugaa baye, marartii malee du'aan adabama. 29 Nami Ilma Waaqaa tuffate, ka dhiiga gondooro'oo ka ittiin balchoome shasheesse, ka Ayyaana badhaadhaa arrasse, adabama kana caalu attamiititti barbaachisaaf isinitti fakkaata? 30 Nuuti, «Haluu ka baasu ana, ani gatii malte deebisee hin kaffala», akkasuma, «Goottaan kolbaa ifiititti hin mura» ka jedhe eennu akka te'e hin beenna. 31 Harka Waaqa jiraata'aa seenuun akka malee sodaachisa'a.
32 Ifi isiniif ifeen duuba, guyyoota duri rakkinna fudhattanee wodhaantoo guddo'oon ossattane san qaabadha'a. 33 Yennaa tokko tokko nama duratti arraffantanee, farritaneertan; yennaa dhibii worra rakkinna akkasii fudhatu wolille'een rakkinna fudhattaneertan. 34 Isin karra caaltuu fi yennaa mara jiraattu akka qaddanu waan beettanuuf, worra hidhameef gadhaa laattane; yennaa karri teessan saamantulle gammadaan fudhattane. 35 Yoona ifi-addii Waaqatti qaddanu, ta gatii guddoo ittiin dhaggattanu san hin gatina'a! 36 Fedhii Waaqaa muummessitanee, waan Waaqi isiniif waadaa gale fudhatiisaaf ossataan eeggatiisa barbaachisa. 37 Sababille Barreeffam Woyyichi,
Languages