5 Lafa Kana'aaniititti beelti waan buuteef, ilmaan Israa'elii[a] kolbaa dhibii hedduu woliin midhaan bitatiisaaf gara biyya Gibxi'ii dhaqane. 6 Yoseef bulchaa biyya Gibxi'ii waan te'eef, inni worra midhaan bitatiisa dhufuuf midhaan gurgursiisaayyu. Maarre obboleeyyan isaa gara isaa yennaa dhufane, isa duratti fuulaan lafatti gad jedhaneef. 7 Yoseef yennaa obboleeyyan ifii dhagge, isaan eennu akka te'ane beeke; ammoo akka isaan hin beennee te'ee, aari'iin, «Eessaa dhuttane?» jedhee gaafate.
8 Yoseef obboleeyyan ifii beekulle, isaan isa hin beenneeyyu. 9 Achiin duuba Yoseef oojjuu ifii marroo isaanii oojjate qaabatee, isaaniin, «Isin worra woy dooyu; biyyi teenna eessa gulaan dadhabbii akka qaddu ilaaliisaaf dhuttane» jedhe.
10 Obboleeyyan isaa ammoo, «Lakkii, gootta'a. Nuuti tajaajiltooti teeti midhaan bitatiisaaf dhunne. 11 Nuuti martinuu ilmaan abbaa tokkoo ti; nuuti worra addatama'a malee, worra dooyuu moti» jedhane.
12 Yoseef, isaaniin, «Lakkii! Isin biyyi teenna eessa gulaan dadhabbii akka qaddu ilaaliisaaf dhuttaneertan» jedhe.
13 Isaan deebisanee, «Nuuti tajaajiltooti teeti obboleeyyan kudhanii lama, ilmaan abbaa tokkoo, ka lafa Kana'aanii keessa le'uu ti. Obboleessi keenna maandhichi amma abbaa keenna bira jira. Tokkochi du'eera» jedhane.
14 Yoseef ammoo isaaniin, «Akkuma ani isiniin jedhe: isin worra dooyu. 15 Isin amma tanaan qorqorantan: obboleessi keessan maandhichi haga as dhufutti, ani maqaa mootichaatiin kakadhaa, asii hin baatanu. 16 Isin keessaa nami tokko deemee obboleessa keessan fiduu ti. Wonni isin jettane dhugaa te'uu isi'ii haga qorqorantutti isin worri hafe hin hidhantan. Dubbiin teessan soba yoo teete, maqaa mootichaatiin kakadhaa, isin worra dooyu» jedhe. 17 Achiin duuba Yoseef guyyaa sadiif isaan hiisise.
18 Guyyaa sadeesso'ootitti, Yoseef, isaaniin, «Ani nama Waaqa sodaatu waan te'eef, hin leetaniitii waan ani isinitti himu kana godha'a: 19 Isin namoota addatamu yoo teetane, obboleeyyan teessan keessaa tokkochi as hidhaa keessatti hafuu ti; worri hafe maatii teessan ta beelowiisatti jirtu saniif midhaan ba'atee deemuu ti. 20 Achiin duuba obboleessa keessan maandhicha as naa fida'a. Kanaan akka isin dhugaa dubbatiisatti jirtanu ani hin beeka, isinille hin duutanu» jedhe. 21 Isaan wol woliin, «Nuuti yakkaa obboleessa keenna irratti hunyeef, amma rakkatiisatti jirra; nuuti rakkoo isaa dhagginee, innille akka nuuti isa fayyinnuuf nu kadhatee, nuuti ammoo isa dhage'uu didanne. Nuuti amma sababa kanaaf rakkoo tana keessa jirra» jedhane.
22 Achiin duuba Ruuben, isaaniin, «Ani akka isin mucaa hin miine isinitti himeeraayyu; isin ammoo na dhage'uu diddane. Maarre nuuti amma waan isa irratti hunyeef gatii dhaggatiisatti jirra» jedhe. 23 Yoseef waan isaan jedhanu hin beekaayyu; isaan ammoo karaa nama afaan hiikuutiin isa woliin waan dubbatiisatti jiranuuf, akka inni dubbii isaanii beeku hin beenne. 24 Yoseef isaan biraa deemee bowe; achiin duuba gara isaanii deebi'ee isaanitti dubbate. Isaan keessaa Shimi'oon fuudhee adoo isaan dhagganuu hiisise.
35 Isaan qalqalluu ifii keessaa yennaa midhaan baasanu, tokko tokkoon isaaniituu qalqalluu ifii keessatti beesee ifii dhaggane. Isaanii fi abbaan isaanii Yaaqoob yennaa beesee dhaggane sodaatane. 36 Abbaan isaanii Yaaqoob, isaaniin, «Isin akka ani ijoollee tiyya mara dhabu barbaaddanii? Yoseef hin jiru; Shimi'oonille hin jiru; amma Beniyaaminille fudhatanee deemuu barbaaddan. Tun martinuu anuma irratti teete» jedhe.
37 Achiin duuba Ruuben abbaa ifiitiin, «Ani yoo Beniyaamin deebisee gara keeti fiduu dhabe, ilmaan tiyya lamaan ijjeesi; Beniyaamin harka kiyyatti kenni, anille deebisee isa sii fida» jedhe. 38 Yaaqoob ammoo, «Ani Beniyaamin akka si woliin deemu hin lakkisu. Obboleessi isaa waan du'eef, isa qofatti hafe[b]. Yennaa isin gara biyya Gibxi'ii deentanu, rakkinni tokko yoo isa irra dhaqqabe, dulluu tiyya keessa gaddaan akka boolla seenu gootan» jedhe.
<- Kitaaba Seera Dadaa 41Kitaaba Seera Dadaa 43 ->
Languages