9 Achiin duuba itti gaafatamaan daadhii woyni'ii mootichaan, «Ani yakkaa tiyya adha qaabadhe. 10 Yennaa takka ati itti gaafatamaa mana sagale'eetii fi natti mufattee, mana ajajaa eeddotaa keessatti nu hiisitteertaayyu. 11 Adoo achi keessa jirruu nuuti lamaanuu halkanuma tokkocha oojjuu oojjanne; oojjuun sun tokko tokkoonuu hiikkaa adda addaa qaddiiyyu. 12 Dargaggeessi worra Ibrootaa tokko, tajaajilaan ajajaa eeddotaa, hidhaa keessa nu woliin ture. Yennaa nuuti oojjuu teenna isatti hinne; innille hiikkaa oojjuu teennaa nu'uuf hime. 13 Wonni marti akkuma inni jedhe teetee; ani addee tiyyatti deebi'ee, itti gaafatamaan mana sagale'ee ammoo fannifame» jedhe.
14 Tanaaf mootichi Yoseefitti ergee, yoosuma mana hidha'aa keessaa fidane. Innille mataa haadatee, woyaalle jijjiiratee, mooticha dura dhikaate.
15 Mootichi isaan, «Ani oojjuu oojjadheeru qaba. Nami tokkolle ammoo hiikkaa isi'ii naaf himuu hin dandeenne. Ati yennaa oojjuu si'itti himane hiikuu dandeetta jechuu dhage'eera» jedhe.
16 Yoseef deebisee, «Ani oojjuu hiikuu hin dande'u, Waaqi ammoo hiikkaa dansaa oojjuu teetiif hin kenna» jedhe.
17 Achiin duuba mootichi Yoseefiin, «Ani oojju'uun laga Nayilii bira dhaabbadhee, 18 loon dadansaan gagabboon torba laga keessaa bayanee, marra dheedanuun dhagge. 19 Achiin duuba, loon huhuqqoon googiraan dhibiin torba bisaan keessaa bayanuun dhagge. Ani loon akkas jibbisiisanu lafa Gibxi'ii keessatti ijjumaa dhaggee hin beeku. 20 Loon huhuqqoon jibbisiisanu sun, loon dadansaa gagabboo torba ka qaraa san nyaatane. 21 Isaan ammoo loon torba san nyaataneen duuba, akkuma durii huhuqqatanee googiraawanee waan jiranuuf, akka isaan nyaataneeranu nami tokkolle beekuu hin dandeenne. Ani achiin duuba dammaqe. 22 Ani ammalle oojjuu dhibii oojjadhee, unkuruura midhaanii ka midhaan unkuruurfate dadansaa torba agadaa tokko irratti lateeru dhagge. 23 Achiin duuba, unkuruurri qooraan dhibiin torba ka qilleensa gara aduun baatuutiin gubatane torba latane. 24 Achiin duuba unkuruurri qoore sun unkuruura dadansaa torba san liqinsane. Ani oojjuu san worra morutti hime; nami hiikkaa isi'ii naaf hime ammoo tokkolle hin jiru» jedhe.
25 Yoseef mootichaan, «Hiikkaan oojjuu teeti lamaaniituu tokkuma. Waaqi waan gara duraa hujaaru si'itti mudhiseera. 26 Loon dadasaan torba woggaa torba; unkuruurri midhaanii dadansaalle woggaa torba. Hiikkaan oojjuu lamaaniituu tokkuma. 27 Loon huhuqqoon jibbisiisanu torbaa fi unkuruurri midhaanii qooraan qilleensa gara aduun baatuutiin gubatane ka isaaniin duuba dhufane, woggaa beelaa torba. 28 Dubbiin akkuma ani sitti hime, mooticha! Waaqi waan gara duraa hujaaru si'itti mudhiseera. 29 Lafa Gibxi'ii mara keessatti woggooti misa gudda'aa torba hin dhufan. 30 Woggoota torba saniin duuba ammoo, woggooti beelaa torba hin dhufan; woggooti misa gudda'aa ka lafa Gibxi'ii sun duudiin hin dedhama; beelti biyya hin fixxi. 31 Beelti itti aantu hantuu waan teetuuf, woggoota misa gudda'aa san hin dedhan. 32 Oojjuun lamaan ati oojjatte tun waan Waaqaan murteeffamee fi waan inni yennaa dhikoo keessatti godhu'uu jiru mudhitti.
33 «Maarre mooti'i, nama qarumma'aa fi hubantii qabu filadhuutii, biyya Gibxi'ii irratti muudi. 34 Ammalle qondaaltota dhibii worra woggoota misa gudda'aa torba san keessa, midhaan harka shan keessaa tokko fuudhanu filadhuutii muudi. 35 Isaan woggoota dansaa dhufaartu keessatti midhaan mara wolitti guuranee, baallii mootichaa jalatti qachaa keessatti wolitti qabanee eeganuu ti. 36 Woggoota beelaa torba ta biyya Gibxi'ii irratti dhufaartu keessatti, biyyi beelaan akka hin banne, midhaan kun biyyaaf akka te'u maffamanuu ti» jedhe.
50 Woggooti beelaa sun adoo hin dhufin dura, Yoseef ilmaan lama Asenaatii intala Phoxii-Feraa irraa uumate; Phoxii-Feraan hayyicha qachaa Onii ti. 51 Yoseef, «Waaqi rakkinna kiyya maraa fi worra kiyya mara akka dedhu na godhe» jedhee maqaa ilma ifii angafichaa, «Minaasee[b]» jedhee baase. 52 Yoseef ilma lammeesso'oo, «Waaqi lafa ani itti rakkadhetti ijoollee na horsiise» jedhee maqaa isaa, «Efreem[c]» jedhee baase.
53 Woggooti misaa torba ta biyya Gibxi'ii keessaa muummotte. 54 Achiin duuba akkuma Yoseef jedhe, woggooti beelaa torba dhufiisa jalqabane. Biyya dhibii duudii keessa beelti buute; biyya Gibxi'ii ammoo sagaleen jirtiiyyu. 55 Biyya Gibxi'ii duudii keessatti beelti jabaannaan, kolbaan sagale'eef mootichatti iyyite. Inni worra Gibxi'iitiin, «Gara Yoseefii dhaqa'aatii, waan inni isiniin jedhu godha'a» jedhe. 56 Beelti biyya Gibxi'ii duudii keessatti jabaannaan, Yoseef mana kuusa'aa banee midhaan kolbaa Gibxi'iititti gurgure. 57 Beelti biyya lafaa duudii irratti waan jabaatteef, namooti biyya lafaa duudii irraa midhaan Yoseef irraa bitatiisaaf, gara biyya Gibxi'ii dhufane.
<- Kitaaba Seera Dadaa 40Kitaaba Seera Dadaa 42 ->
Languages