11 Gaafa tokko Yoseef hujii ifii hujatiisaaf, gara manaa yennaa seene, tajaajiltoota manaa keessaa tokkolle achi hin jiranuuyyu. 12 Niitiin goottaa isaa woyaa isaa qabattee, «Koy, na woliin rafi» jetteen. Yoseef ammoo woyaa ifii isii harkatti lakkisee, baqatee manaa baye. 13 Isiin akka inni woyaa ifii isii harkatti lakkisee, alatti baqatee baye yennaa dhaggite, 14 tajaajiltoota mana isi'ii keessa hujanu waantee, «Kunoo, namicha Ibraawicha nu fokkisiisaaf abbaan manaa kiyya as fide kana ilaala'a. Inni hunnaan na woliin rafiisaaf gara kolloo tiyyaa seene; ani ammoo qoonqoo ol qabadhee itti iyye. 15 Inni akka ani qoonqoo ol qabadhee iyye dhage'ee, woyaa ifii na biratti lakkisee, baqatee manaa baye» jette.
16 Isiin haga goottaan isaa galutti woyaa isaa ifi bira keyattee eedde. 17 Achiin duuba isiin, «Garbichi Ibraawichi ati as fidde sun na fokkisiisaaf gara kolloo tiyyaa seene. 18 Akkuma ani qoonqoo ol qabadhee iyyeen, woyaa ifii na biratti lakkisee, alatti baqate» jette.
19 Niitiin isaa, «Garbichi keeti akkana na godhe» jettee waan isatti hinte yennaa dhage'e, goottaan Yoseefii guddoo aare. 20 Tanaaf Yoseef fuudhee, mana hidha'aa ka worri mootichi hiisiseeru keessa jirutti isa galche. Yoseefille hidhaa keessa achi ture. 21 Mootiin Waan Maraa ammoo Yoseef woliin jiraatee, jaalala ifii ka bara baraa isatti mudhisee, ajajaa mana hidha'aa duratti akka Yoseef fudhatama dhaggatu godhe. 22 Ajajaan mana hidha'aa sun, namoota mana hidha'aa keessa jiranu maraa fi waan mana hidha'aa san keessatti hujamu mara irratti Yoseef itti gaafatamaa godhe. 23 Mootiin Waan Maraa Yoseef woliin jiraatee, wonni inni huju marti akka isaaf teetu waan godheef, ajajaan mana hidha'aa waan Yoseef itti gaafatamaa itti te'e isatti lakkisee, itti hin yaaddonne.
<- Kitaaba Seera Dadaa 38Kitaaba Seera Dadaa 40 ->
Languages