6 Yihudaan ilma ifii angaficha Eer, intala, «Taamaar» jedhantu fuusise. 7 Ilmi Yihuda'aa angafichi, Eer ammoo, Waaqa duratti nama hamaa waan te'eef, Waaqi isa ijjeese. 8 Achiin duuba Yihudaan, Onaanii obboleessa Eeriitiin, «Gara niitii obboleessa keeti ka du'ee dhaqii, isii dhaaliitii, obboleessa keetiif sanyii dabarsi» jedhe. 9 Onaan sanyiin ta isaa akka hin teene waan beekeef, niitii obboleessa ifii woliin yennaa rafu mara, bisaan ifii ka sanyii te'u san lafatti jissee, obboleessa ifii sanyii malee hambure. 10 Wonni Onaan godhe kun Mootii Waan Maraa waan gaddisiitteef, Mootii Waan Maraa isalle ijjeese. 11 Achiin duuba Yihudaan, «Ilmi kiyya akkuma obboleessa ifii du'a» jedhee waan sodaateef, Taamaarii niitii ilma ifiitiin, «Haga ilmi kiyya Shelaan guddatutti haadha hiyyeessaa te'ii mana abbaa keetii tee'i» jedheen; Taamaarille dhaxxee mana abbaa ifii teette.
12 Bara heddu'uun duuba, niitiin Yihuda'aa intalti Shuwa'aa duute; Yihudaan gadda ifii fixateen duuba, ka'ee jaala ifii ka, «Hiiraa» jedhamu, nama qachaa Adulaamii san woliin gara Tiimnaa lafa hoolota isaa irraa rifeensa muranu dhaqe. 13 Namooti, Taamaariin, «Abbaan sodda'aa keeti hoolota ifii irraa rifeensa mursiisiisaaf, Tiimna'atti ol hin baya» jedhane. 14 Shelaan fuudha geyeeraayyu; Taamaar ammoo isatti akka heerumsiifamaa hin jirre dhaggitee, woyaa haadha hiyyeessumma'aa jijjiirattee, fuula ifii shaashi'iin hagooggattee, karaa Tiimnaa dhaqu cinaa, seensuma Enaayimii dura teette.
15 Taamaar fuula ifii shaashi'iin waan hagooggatteef, Yihudaan sagaagaltittii seye malee, isii hin beenne. 16 Isiin niitii ilma isaa akka teete waan hin beekiniif inni gara isi'ii dhaqee, «Si woliin rafuu?» jedheen.
17 Inni deebisee, «Re'oota tiyya keessaa korbeessa buruusoo sii erga» jedheen.
18 Yihudaan, «Waan qabattu maan sii kenna?» jedhe.
20 Yennaa diqqo'oon duuba, Yihudaan qube'ee fi waan ittiin mormatti hidhatanu, ulee dubartitti'itti kenneerulle deebifatiisaaf, buruusoo korbeessa re'e'ee tokko, jaala ifii nama qachaa Adulaamiitiin erge; inni ammoo isii dhaggiisaaf hin dandeenne. 21 Inni namoota qachaa Enaamiitiin, «Sagaagaltittiin seensuma qachaa Enaamii cinaa jirtu takka eessa gorte?» jedhe.
22 Maarre inni gara Yihuda'aa deebi'ee, «Ani dubartittii dhagguu hin dandeenne; namooti achi le'anulle, ‹Sagaagaltittiin as hin jirtu› anaan jedhane» jedhe.
23 Yihudaan deebisee, «Ani korbeessa buruusoo san isi'iif ergeeraayyu; ati ammoo isii dhagguu hin dandeenne; namooti akka nutti hin kolline, waan qabatte san fudhattuu ti» jedhe.
24 Gara ji'a sadiitiin duuba, «Niitiin ilma keetii Taamaar sagaagaltee ulfootteerti» jedhee nami tokko Yihuda'atti hime.
25 Isiin yennaa qabantee gad baate, «Ani abbaa qube'ee fi ulee tanaatiif ulfoye. Qubee maqaan irra jiruu fi waan ittiin hidhatanu woliin[b], ulee tanalle ilaaliitii, ka eennuu akka te'ane natti himi?» jettee abbaa soddaa ifii Yihuda'atti ergite.
26 Yihudaan meya san hubatee ilaalee, «Waan ani ilma kiyya Shelaa isii fuusisuu dhabeef, isiin na caalaa dhugaa qaddi» jedhe. Inni deebi'ee isii woliin hin ranne.
27 Yennaan Taamaar deettu yennaa geette, lakkuu akka gadha'aa qaddu beekkame. 28 Adoo isiin deyiisatti jirtuu, finni tokko harka gad baafate. Dubartittiin deessittu qaddee, liilana diimaa harka isaatitti hiitee, «Isatti dursee dhalate» jette. 29 Yennaa inni harka ifii keessatti deebifate ammoo, obboleessi isaa dursee dhalate. Dubartittiin deessitelle, «Ati attam attam cassitee baate!» jettee, maqaa isaa «Faares[c]» jette. 30 Achiin duuba, finni liilana diimaa harka irraa qabu dhalate; maqaa isaalle, «Zaaraa[d]» jedhanee baasane.
<- Kitaaba Seera Dadaa 37Kitaaba Seera Dadaa 39 ->
Languages