2 Tanaaf Yaaqoob maatii ifiitii fi worra isa woliin jiruun, «Waaqota orma odduu teessanii qaddanu baasa'a; nafa keessan qulqulleeffadha'a; woyaa teessanille jijjiiradha'a. 3 Kowaa gara Bet'elii deenna. Waaqa yennaa rakkoo tiyyaa na qarqaaree, addee maratti na woliin jiraateef, addee ciinca'aa achitti hin ijaara» jedhe. 4 Maarre isaan waaqota orma odduu ifiitii qabanu mara, qubee gurraalle[a] Yaaqoobitti kennanee, inni qilxaa guddaa qachaa Sheekemii biraa jalatti awwaale.
5 Yennaa Yaaqoobii fi maatiin isaa achii deemiisaaf ka'ane, Waaqi kolbaa adaala qachootaa irratti sodaa guddoo waan buuseef, isaan hin hordonne. 6 Yaaqoob worra isa woliin jiru mara woliin gara Luzii, lafa Kana'aan keessaa, ta amma Bet'el jedhantuu dhaqane. 7 Yaaqoob achitti addee ciinca'aa ijaare; yennaa inni obboleessa ifii duraa baqatee ideeme, Waaqi achitti waan isatti mudhateeruuf, addee san, «El-Bet'el[b]» jedhee maqaa baase. 8 Yennaa san Deboraan Ribqaa gudditte duutee, qilxaa Bet'el irraa gara kibbaa jiru tokko jalatti awwaalante; tanaaf qilxaan sun, «Qilxaa bowaa[c]» jedhame.
9 Yennaa Yaaqoob phaadaan-Aaramii deebi'ee dhufe, Waaqi ammalle isatti mudhatee, isa eebbise. 10 Waaqi, «Maqaan keeti Yaaqoob; haganaa achi ammoo maqaan keeti, ‹Israa'el› jedhama malee, ‹Yaaqoob› hin jedhamu» jedheen. Tanaaf akkuma Waaqi maqaa isa moggaasetti maqaan isaa, «Israa'el» jedhame. 11 Waaqi isaan, «Ani Waaqa waan mara dande'u. Hori, bacadhu! Gosi biyya adda addaa si irraa hin dhaggaman; moototille si irraa hin dhalatan. 12 Lafuma Abrahaamii fi Yisihaqiif kenne, si'ii fi sanyii teetiifille hin kenna» jedhe. 13 Achiin duuba Waaqi addee isatti dubbate sanitti isa lakkisee biraa ol baye. 14 Yaaqoob addee Waaqi isatti dubbate sanitti soodduu dhaabee, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa irratti dhangalaase. 15 Tanaaf Yaaqoob maqaa addee Waaqi isatti dubbatee san, «Bet'el» jedhee baase.
19 Achiin duuba Raahel duutee, karaa Efraataa dhaqu, ka amma Betlihem jedhamu cina'atti awwaalante. 20 Yaaqoob irreensa Raahelii irratti soodduu dhaabe. Soodduun sun haga adhaa achi jirti. 21 Israa'el[f] achii deemee, xelleephoo Edariitiin gara kaanitti qubate.
22 Yaaqoob lafa san adoo le'iisatti jiruu, Ruuben niitii abbaa ifii Bilhaa gursumeettii woliin rafe; Yaaqoobille waan kana dhage'e.
- a Qubee gurraa: Qubeen gurraa tun beessisa waaqota isaanii ti.
- b El-Bet'el: Afaan Ibrootaatiin Waaqa Bet'elii jechu'u.
- c Qilxaa bowaa: Afaan Ibrootaatiin Alon-Bakut jedhame.
- d Ben-Onii: Afaan Ibrootaatiin ilma gadda kiyyaa jechu'u.
- e Beniyaamin: Afaan Ibrootaatiin harka kiyya middicha jechu'u.
- f Israa'el: Dur inni Yaaqoob Jedhama.
Languages