5 Yaaqoob intalti isaa Dinaan akka bantii badde dhage'e; ilmaan isaa ammoo horii isaa keessa ala waan jiranuuf, haga isaan deebi'anee dhufanutti cadhi jedhe. 6 Achiin duuba abbaan Sheekemii Hamoor Yaaqoob woliin dubbatiisaaf bayee dhaqe. 7 Ilmaan Yaaqoobii akkuma tikaa dhufaneen waan te'e dhage'ane. Sheekem intala Yaaqoobii hunnaan bantii balleessiisaan kolbaa Israa'elii waan salphiseef, isaan guddoo aarane. 8 Hamoor ammoo obboleeyyan Dina'aatiin, «Ilmi kiyya Sheekem intala teessan guddoo jaalateera. Maganne'ee fuudhuutii kenna'aaf. 9 Ilmaanii fi durri teenna wol fuudhanuu ti; durra teessan nuu kenna'a; isinille durra teenna fuudha'a. 10 As biyya teenna keessa nu woliin turuu dandeettan; addee feetane le'aa, daldalataa lafa qabaatuu hin dandeettan» jedhe.
11 Sheekem abbaa Dina'aatii fi obboleeyyan Dina'aatiin, «Ani fuula keessan duratti fudhatama dhaggadhuutii malee, waanuma isin jettane hin kenna. 12 Gatii intalaa haga feetane na gaafadha'a; isuma callaa fuudhuutii malee, waan isin feetane mara hin kenna» jedhe.
13 Sheekem obboleettii isaanii Dinaa waan bantii balleesseef, ilmaan Yaaqoobii, isaa fi Hamoorii abbaa isaatiif sobaan deebii kennaneef. 14 Isaan, Sheekemii fi abbaa isaatiin, «Nuuti nama haqanqabaa hin qabatiniif, obboleettii teenna kennuu hin dandeennu; kun nu'uuf salphinna. 15 Isin akka keenna teetanee, dhiirti teessan duudiin haqanqabaa akka qabatanu yoo gootane qofa, isii isiniif kennuu dandeenna. 16 Achiin duuba nuuti durra teenna isiniif hin kennina; nuutille durra teessan hin fuuna; kolbaa tokko teenee woliin hin leena. 17 Isin yoo nu dhage'uu dhaddanee haqanqabaa qabatuu diddane, nuuti intala teenna fudhannee hin ideenna» jedhane.
18 Wonni isaan dubbatane Hamoorii fi ilma isaa Sheekemitti dansaa teetee mudhatte. 19 Sheekem intala Yaaqoobii waan jaalateef, waan jedhame godhiisaaf hin turre; inni namoota mana abbaa ifii mara caalaa ulfinna qabaayyu.
20 Maarre Hamoorii fi ilma isaa Sheekem gara karra qachaa ifii dhaqanee, namoota qachaa saniitiin, 21 «Kolbaan tun kolbaa nageyaa ti; nu woliin lafa tana le'anuu ti; bilisaan asii fi achi deddeemanee daldalatanuu ti; kunoo latti nu'uu fi isaaniifille hin geetti; nuutille durra isaanii hin fuuna; durra teennalle isaaniif hin kennina. 22 Akkuma isaanii, dhiirti teenna martinuu yoo haqanqabaa qabanne qofa isaaniin wolii gallee woliin leena; kolbaa tokkolle hin teena. 23 Yoo akkana goone, loon isaanii, qabeennii fi horiin isaanii marti keenna hin te'anii motii ree? Waan isaan jedhane yoo wolii galle qofa, isaan nu woliin le'uu dande'an» jedhane. 24 Kolbaan qacha'aa marti yaada Hamoorii fi ilma isaa Sheekem dhikeessane irratti wolii galanee, dhiirti marti haqanqabaa qabatane.
30 Yaaqoob Shimi'oonii fi Lewwi'iin, «Worri biyya tanaa, worri Kana'aanii, worri Pheriizonii jibbanee akka na ijjeesanu godhiisaan, rakkoo natti fiddane; laakkossi nama kiyyaa diqqa'a. Isaan wolitti dacha'anee yoo na lolan; anii fi maatiin tiyya hin banna» jedhe.
31 Shimi'oonii fi Lewwiin deebisanee, «Sheekem obboleettii teenna akka sagaagaltitti'ii tolchuutii ree?» jedhane.
<- Kitaaba Seera Dadaa 33Kitaaba Seera Dadaa 35 ->
Languages