4 Yaaqoob, «Obboleeyyan tiyya, isin eessaa dhuttane?» jedhee tissitoota gaafate.
5 Inni isaaniin, «Laabaanii akaakoo Naahorii beettanii?» jedhe.
6 Yaaqoobille, isaaniin, «Inni nageyaa?» jedhe.
7 Inni, «Kunoo, latti guyya'a; yennaan galchuma hori'ii hin geenne. Hoolee bisaan obaasa'aatii geessa'aa dheechisa'a» jedhe.
8 Isaan ammoo, «Haga karri hoole'ee martinuu wolitti qabantee dhakaa afaan boolla bisaanii irraa konkolaachifamutti, nuuti tana goonee hin dandeennu. Achiin duuba nuuti hoolee hin obaanna» jedhane.
9 Adoo inni isaan woliin dubbatiisatti jiruu, Raahel tissituu waan teeteef, hoolee abbaa ifii fiddee dhutte. 10 Yaaqoob yennaa Raahelii intala Laabaanii abuyyaa ifiitii fi hoolee isaa dhagge, itti dhikaatee dhakaa boolla bisaanii irraa konkolaachisee, hoolee isaa san bisaan obaase. 11 Achiin duuba inni Raahel sunqatee waan gammadeef bowe. 12 Inni, «Ani ilma adaadaa teeti Ribqa'aa ti» jedhee isi'itti hime.
18 Yaaqoob Raahel waan jaalateef, Laabaaniin, «Akka ani intala teeti maandhittii Raahel fuudhu yoo naaf eeyyante, ani woggaa torba si hin tajaajila» jedhe.
19 Laabaan deebisee, «Ani nama dhibi'iif isii kennu'uu mannaa, isi'iif kennuu woyya; as na bira turi» jedhe. 20 Maarre Yaaqoob Raahel fuudhiisaaf jedhee, woggaa torba tajaajile; inni waan isii jaalateef, woggooti kun guyyoota diqqaa isatti fakkaatane.
21 Achiin duuba Yaaqoob, Laabaaniin, «Yennaan tajaajila kiyyaa dhumatteerti; Raahel akka fuudhuuf naa kenni» jedhe. 22 Maarre Laabaan jila fuudhaa fi heerumaa jilisee, kolbaa achi jirtu mara waame. 23 Galgala san ammoo, addee Raahelii, intala ifii Liyaa fuudhee Yaaqoobitti geesse; Yaaqoobille isii woliin rafe. 24 Laabaan tajaajiltuu ifii Zilfaa, akka tajaajiltuu isi'ii teetuuf, Liya'aaf kenne. 25 Boruyyaa ganama Yaaqoob akka Liyaa teete beekee, gara Laabaanii dhaqee, «Wonni ati na goote kun maan? Ani Raahel fuudhiisaaf si tajaajile. Ati maaf na sodde ree?» jedhe.
26 Laabaan deebisee, «Biyya teenna keessatti intala angafitti'iin dura intala maandhittii hin heerumsiisanu. 27 Torbaan waajibumma'aa Liyaa woliin fixadhu; woggaa torba ta dhibii deebitee yoo na tajaajilte, Raahelille si'iif hin kenna» jedhe.
28 Yaaqoob akkuma inni jedhe godhe; yennaa inni torbaan waajibumma'aa Liyaa woliin fixate, Laabaan intala ifii Raahel isa heerumsiise. 29 Laabaan tajaajiltuu ifii Bilhaa, akka tajaajiltuu isi'ii teetuuf, Raaheliif kenne. 30 Yaaqoob Raahel wolille'een rafee, Liyaa caalaa isii jaalate. Achiin duuba inni woggaa torba ta dhibii Laabaan tajaajile.
34 Liyaan ammalle ulfoottee ilma dhibii deette. Isiin, «Ani ilmaan sad waan isaaf deyeef, amma dhirsi kiyya jaalalaan natti hin maxxana» jettee, maqaa isaa Lewwii[c] baafatte. 35 Achiin duuba Liyaan ammalle ulfoottee ilma dhibii deette. Isiin, «Amma ani Mootii Waan Maraa hin leellisa» jettee, maqaa isaa Yihudaa[d] baafatte.
<- Kitaaba Seera Dadaa 28Kitaaba Seera Dadaa 30 ->
Languages