1 Yisihaq Yaaqoob waamee, eebbisee, isa ajajee, «Dubartoota worra Kana'aanii hin fuudhin. 2 Gara biyya phaadaan-Aaramii, mana Batu'elii abbaa haadha teetii dhaqiitii, durroota Laabaanii obboleessa haadha teetii keessaa takkattii achii fuudhi. 3 Waaqi waan mara dande'u si eebbisuu ti! Akka ati abbaa gosa biyya adda addaa heddu'uu teetu, ijoollee hedduu sii kennuu ti! 4 Inni akkuma Abrahaam eebbise, si'ii fi sanyii teetille eebbisuu ti! Lafa Abrahaamii kenne, ta ati amma akka alaga'aa teetee leetu, si'iif kennuu ti» jedhe. 5 Akka kanaan Yisihaq Yaaqoob erge; innille gara biyya phaadaan-Aaramii, gara Laabaanii ilma Batu'elii nama biyya Aaramii dhaqe. Inni obboleessa Ribqaa haadha Esaawu'uutii fi Yaaqoobii ti.
16 Achiin duuba Yaaqoob hirriibaa dammaqee, «Mootiin Waan Maraa dhugumaan addee tana jira! Ani ammoo hin beenne» jedhe. 17 Inni sodaatee, «Addeen tun attam attam sodaachitti! Isiin mana Waaqaa ti; balbala ol-gubba'aa ti» jedhe.
18 Yaaqoob boruyyaa barii ganama ka'ee, dhakaa boraafate san fuudhee, akka sooddu'uu dhaabee, qaccee isaa irratti zayitii ejersaa cosse. 19 Inni maqaa addee sanii, «Bet'el[a]» jedhee moggaase. Dur maqaan addee sanii, «Luz» jedhamaayyu.
20 Yaaqoob Mootii Waan Maraatiif waadaa galee, «Yoo ati na woliin jiraatee, karaa ani deemu kana irratti na eedde, sagalee nyaadhuu fi woyaa uffadhu yoo naaf kennite, 21 nageyaan gara mana abbaa kiyyaa yoo deebi'e, ati Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya hin teeta. 22 Dhakaan ani akka sooddu'uu dhaabe kunille, mana Waaqaa hin te'a; waan naaf kennitu mara keessaa kudhan keessaa tokko si'iif hin kenna» jedhe.
<- Kitaaba Seera Dadaa 27Kitaaba Seera Dadaa 29 ->- a Bet'el: Afaan Ibrootaatiin Mana Waaqaa jechu'u.
Languages