8 Mucaan guddatee, harma irraa gu'e; Abrahaam guyyaa Yisihaq harma irraa gu'e, jila guddoo godhe.
14 Abrahaam boruyyaa barii ganama ka'ee, daabbo'oo fi bisaan qalqallu'utti guutee dudda isi'iititti ba'achiisee, mucaalle kenneefii ari'e. Isiin achii baatee goomolee Bersheeba'aa keessa joonjite. 15 Yennaa bisaan qalqalluu keessaa sun dhumate, Aggaar mucaa tusee takka jalatti lakkittee, 16 haga darbata laaye'ee irraa fagaattee teettee, «Yennaa mucaan kiyya du'u, tee'ee hin ilaalu» jette. Adduma teette sanitti iyyitee bowiisa jalqadde.
17 Waaqille iyya bowiisa muca'aa dhage'e; ergamaan Waaqaalle ol-gubba'aa Aggaar waamee, «Aggaar, maanti si rakkise? Hin sodaatin. Waaqi iyya bowiisa muca'aa dhage'eera. 18 Ani gosa guddoo waan isa godhuuf, ka'ii mucaa habbaariitii, harka keetille'een jabeessii isa qabi» jedheen. 19 Achiin duuba Waaqi ila isi'ii banee boolla bisaanii dhaggite. Isiin dhaxxee, bisaan qalqallu'utti guuttee, mucaa ifiille obaatte. 20 Akkuma mucaan guddataa deemeen Waaqi isa woliin jiraayyu; inni goomolee keessa le'ee, nama adhii guube'eetiin beekkame te'e. 21 Inni goomolee Phaaraanii keessa le'e; haati isaalle durra worra Gibxi'ii isa fuusifatte.
24 Abrahaamille, «Tole, hin kakadha» jedhe.
25 Abrahaam marroo boolla bisaanii ta tajaajiltooti Abiimelekii fudhatteertuu Abiimelekitti iyyate; 26 Abiimelekille, «Kana ka godhe eennu akka te'e ani hin beeku; ati natti hin hinne; haga adhaalle ani hin dhageenne» jedhe. 27 Achiin duuba Abrahaam hoolotaa fi loon fuudhee Abiimelekiif kennee, isaan lamaanuu wol gondoorane. 28 Abrahaam goromee hoole'ee torba tika san irraa fowe. 29 Abiimelekille, Abrahaamiin, «Goromee hoole'ee torba tana ati maaf foote?» jedhe.
30 Abrahaam deebisee, «Akka ani boolla bisaanii tana qote dhugaa akka naaf baatu, goromee hoole'ee torba tana na irraa fudhadhu» jedhe. 31 Tanaaf isaan lamaanuu achitti waan wolii kakataneef, addeen sun, «Bersheebaa[a]» jedhante.
32 Abrahaamii fi Abiimelek Bersheeba'atti wol gondooraneen duuba, Abiimelekii fi ajajaan loltootaa Fikool, ka'anee gara lafa Filisxeemotaa deebi'ane. 33 Achiin duuba Abrahaam Bersheeba'atti muka «Tamariiski» jedhamu tokko dhaabee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa bara baraa waammate. 34 Abrahaam biyya Filisxeemotaa keessa alagaa te'ee yennaa hedduu le'e.
<- Kitaaba Seera Dadaa 20Kitaaba Seera Dadaa 22 ->- a Bersheebaa: Afaan Ibrootaatiin Boolla bisaan kaku'uu jechu'u.
Languages