6 Achiin duuba Waaqi, oojju'uun deebisee, «Ee, akka ati wodanaa qulqullu'uun waan kana goote beekeera; tanaaf isii bira geettee akka ati na hin yakkine ka si dhoogge ana. 7 Amma ammoo niitii namichaa isaaf deebisi. Inni raagaa waan te'eef, akka ati hin duune, si'iif hin daadimata. Yoo isii hin deebisin ammoo, dhugumaan atii fi kolbaan teeti duudiille akka duutanu beeki» jedheen.
8 Maarre Abiimelek barii ganamaan ka'ee, qondaaltota ifii mara wolitti waamee, waan kana mara isaanitti hime; isaanille guddoo sodaatane. 9 Achiin duuba Abiimelek Abrahaam waamee, «Ati maaf akkas nu goote? Ani maan si yakkinaan anaa fi mootummaa tiyya irratti cubbuu guddoo akkasii fidde? Ati waan hujamu'uuf hin malle na irratti hujje» jedheen. 10 Ammalle Abiimelek, Abrahaamiin, «Ati maan yaaddee, waan kana goote?» jedhe.
11 Abrahaam deebisee, «Addee tana keessa nami Waaqa sodaatu ijjumaa hin jiru; isaan niitii tiyyaaf jedhanee na ijjeesan jedhee waan yaadeef tana godhe. 12 Karaa tokkoon, isiin dhugumaan obboleettii tiyya. Haati tiyya hin deenne malee, isiin intala abbaa kiyyaa ti; anille isii fuudhe. 13 Yennaa Waaqi akka ani mana abbaa kiyyaatii bayee gara lafa ormaa akka ideemuu na tolche, ani isi'iin, addee dhandhe maratti, ‹Inni obboleessa kiyya› jedhiisaan waan dansaa naaf godhi» jedheeraayyu.
14 Achiin duuba Abiimelek hoolota, loon, tajaajiltoota dhiiraatii fi dubartootaa fuudhee Abrahaamiif kenne; niitii isaa Saaraalle isaaf deebisee, 15 «Kunoo, latti tiyya duudiin si dura jirti; addee jaalatte qubadhu» jedheen. 16 Saaraalle'een, «Kunoo, fuula worra si woliin jiruu mara duratti akka ati yakkaa hin qanne mirkaneessiisaaf, obboleessa keetiif meetii kuma tokko kenneera» jedhe.
17 Achiin duuba Abrahaam Waaqa daadimate; Waaqille Abiimelekii fi niitii isaa, tajaajiltoota isaa worra dubartootaalle fayyisee, akka isaan ijoollee deyanu godhe. 18 Sababa Saaraa niitii Abrahaamiitiif, Mootiin Waan Maraa gadaamessa dubartoota mana Abiimelekii keessaa mara cufeeraayyu.
<- Kitaaba Seera Dadaa 19Kitaaba Seera Dadaa 21 ->
Languages