10 « ‹Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa: Inni ol dheeratee, qacceen isaalle duumensa dhaqqaddee, dheerinna ifiitiin waan kooreef, 11 ani harka bulchitoota gosa biyya adda addaatitti dabarsee isa hin kenna. Inni akka hammeenna ifiititti gatii hujii ifii hin dhaggata; ani baasee isa hin gata. 12 Gosi ormaa ta biyya adda addaa gadhi-jabeeyyiin isa muranee, jissanee lakkisane; dameeleen isaa gaaraa fi dhooqa mara keessatti caccaddee hin harcaati; dameeleen isaa bowwaa lafa sanii keessatti hin caccaddi; gosi biyya adda addaa ta gaaddisa isaa jala jirtu marti isa lakkisanee hin deeman. 13 Sinbirrooti marti jirma isaa ka jige san irratti qubatanee, bineensoti marti dameelee isaa oddu'utti galane. 14 Tanaaf, muki laga qarqaraa marti, baala rubbanaan gubba'atti dameelee ifii ol yaafatee, haganaa achi kooree mataa ifii ol hin baafatu. Haganaa achi muki bisaan akka maltetti dhaggate marti akka kana hojjaa hin qabaatu. Tokko tokkoon isaanii worra du'aaf kennamane, ka gara qile'ee gad bu'anu woliin akka gad bu'u itti murteeffameera. 15 Goottaan Mootiin Waan Maraa: Guyyaa hindheensi sun gara addee worri du'e jiruu gad bu'u, gaddi akka te'u godhe; ani bisaan qile'ee duuche; laga isaalle cufe; bisaan hedduulle dhaabbachiise. Sababa isaatiif gaarri Libaanonii dukkana akka uffatu godhe. Mukooti badda'aa marti qoorane. 16 Yennaa ani worra gara boolla addee worri du'e jiru, gad bu'u woliin gara addee worri du'e jiruu gad isa buuse, huuruu jinnana isaa dhageettee gosi biyya adda addaa akka hollattu godhe. Mukooti Edenii marti, mukooti Libaanonii ka filatamane martii fi mukooti bisaan akka dansaa dhaggatane ka qilee lafaan jalaa keessa jiranu mara jinnana isaatiin gammadane. 17 Gosa biyya adda addaa keessaa worri gaaddisa isaa jala le'ee, ka golii te'elle, isa woliin worra shallaaga'aan qalamanee addee worri du'e jirutti gad bu'ane.
18 « ‹Mukoota Edenii keessaa ulfinnaa fi guddinnaan si woliin ka wol fakkaatu kam ree? Te'uu malee atille mukoota Edenii woliin gara lafa jalaatitti gad hin buuta; ati worra shallaaga'aan qalame woliin worra Waaqa malee le'u odduu hin irkatta.
Languages