5 « ‹Itoophiyaan[b], Fuxi, Ludi, worri Arabaa marti, gumiin kolbaa garagaraalle, biyyi Kubiitii fi kolbaan biyya sanii worri ani dur isaan woliin gondooroo godhadhe biyya Gibxi'ii woliin shallaaga'aan hin dhumatan› jedha.
6 «Mootiin Waan Maraa, ‹Worri Gibxi qarqaaru marti hin dhumatan; hunni isiin ittiin koortulle hin salphatti; Miigdolii haga Aswaaniititti isii keessatti shallaaga'aan hin dhumatan. 7 Biyyi Gibxi'ii biyyoota onane wodhakka'atti ona hin teeti; qachooti isi'iille qachoota diigamane wodhakka'atti hin diigaman. 8 Yennaa ani biyya Gibxi'iititti ibidda qassiisu, worri isii qarqaaru marti yennaa caccabu, isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.
9 « ‹Guyyaa san ergantooti na biraa hobolo'oon, kolbaa Itoophiya'aa[c] ta bidhaa hin qanne akka bararaqanu godhiisaaf hin bayan; guyyaa Gibxi'itti muratu san muddam isaanitti hin dhufa. Kunoo, muddam sun hin dhufa› jedha.
10 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani harka Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti kolbaa Gibxi'ii bindillaa hin fixa. 11 Innii fi loltooti isaa gadhi-jabeeyyiin lafa balleessiisaaf hin dhufan; shallaagaa ifii worra Gibxi'iititti buqqifatanee lafa san worra qalameen hin guutan. 12 Ani laga Nayilii hin gossa; lafalle worra hamaaleyyi'itti hin gurgura; lafaa fi waan isii keessaa mara harka worra ormaatiin hin onsa. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera› jedha.
13 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani waaqota dharaa hin balleessa; fakkii waaqotaalle qachaa Memfiisii keessaa ijjumaa hin balleessa; biyya Gibxi'ii keessa haganaa achi qondaalli hin jiraatu; lafa Gibxi'iititti sodaa hin buusa. 14 Ani kibba Gibxi'ii[d] hin onsa; Zo'aanitti ibidda hin naqa; qachaa No'iille'etti hin mura. 15 Ani kushee jadduu biyya Gibxi'ii qachaa Siinii irratti mufii tiyya hin dhangalaasa; kolbaa bindillaa No'iille hin balleessa. 16 Ani biyya Gibxi'iititti ibidda hin naqa; qachaan Siinii akka dubartii deettuu hin ciniinsifata; dalleenni dhaka'aa ka No'ii hin caba; qachaan Memfiisiille yennaa mara diinaan hin rakkata. 17 Dargaggooti qachaa Aweeniitii fi Phii-Besetii keessa jiranu martinuu shallaaga'aan hin dhumatan. Dubartooti qachaa san keessaa hin booji'aman. 18 Yennaa ani waanjoo biyya Gibxi'ii caccassu, qachaa Taahafenee keessatti guyyaan hin dukkana; hunni isiin ittiin koortulle hin baddi; duumensalle'een hin gollama; worri aadaa isaa le'u hin booji'aman. 19 Akka kanaan ani biyya Gibxi'ii hin adaba; isaanille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe.
Languages