5 Mootiin Waan Maraa guyyaa murteessee, «Ani waan kana boru lafa tanatti hin fida» jedhe. 6 Guyyaa itti aanu Mootiin Waan Maraa akkuma jedhe godhe; horiin worra Gibxi'ii marti dhumatee, ka Israa'eloota ammoo tokkolle hin duune. 7 Mootichi akka ilaalanu namoota ergee, horiin Israa'elootaa tokkolle akka hin du'in hubate; te'uu malee mootichi mataa jabaatee kolbaa gad lakkisuu didate.
22 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Lafa Gibxi'ii mara irratti, namaa fi horii irratti, waan lafa Gibxi'ii irratti latu mara irratti bokkeenni dhaka'aa akka bu'u harka keeti gara gubba'aa ol kaasi» jedhe. 23 Yennaa Muuseen ulee ifii gara gubba'aa ol kaase, Mootiin Waan Maraa mandiisu'uu fi bokkeya dhaka'aa buusee balaqqeettiille balaqqitte. Maarre Mootiin Waan Maraa bokkeya dhaka'aa lafa Gibxi'ii irratti roobisiise 24 Bokkeenni dhaka'aa hamaan bu'e; balaqqeettiin balaqqitte. Haga Gibxi biyya teeteen jalqaddee bubbeen bokkeyaa ta teetee hin beenne teete. 25 Bokkeenni dhaka'aa kun biyya Gibxii keessatti namaa fi horii alatti hafane mara dhowe. Waan diida keessatti lateeru mara dhowee, mukoota mara caccasse. 26 Addee worri Israa'elootaa le'anu lafa Gooshenii qofatti, bokkeenni dhaka'aa hin buune.
27 Achiin duuba Mootichi Muuse'ee fi Aaron waamee, «Ani amma yakkeera. Mootiin Waan Maraa balcha'a. Ani fi kolbaa tiyya ammoo yakkineerra. 28 Bokkeenni dhaka'aatii fi mandiisuun waan nutti bacatteef, Mootii Waan Maraa nu'uuf daadimadha'a. Anille gad isin hin lakkisa. Haganaa achi as hin turtanu» jedhe.
29 Muuseen deebisee, «Ani qachaa keessaa yennaa baye, harka kiyya gara Mootii Waan Maraa ol kaasee hin daadimadha. Latti tun ta Mootii Waan Maraa akka teete akka ati beettuuf, mandiisuun hin dhaabbatti. Bokkeenni dhaka'aalle haganaa achi hin jiraatu. 30 Garuu ati fi qondaaltoti teeti Mootii Waan Maraa Waaqa akka hin sodaanne ani hin beeka» jedhe.
31 Yennaa san talbaan daraaree garbuun ammoo shawwee waan te'eef, talba'aa fi garbuulle bokkeya dhaka'aatiin badane. 32 Qamadi'ii fi ajjaan ammoo duuba irra waan bilchaatanuuf hin banne.
33 Achiin duuba Muuseen mooticha biraa deemee, qachaa keessaa bayee, daadimatiisaaf, harka ifii gara Mootii Waan Maraa ol kaase. Mandiisu'uu fi bokkeenni dhaka'aa dhaabbatee, bokkeennille roobiisaa lakkise. 34 Mootichi mandiisuun, bokkeenni dhaka'aatii fi bokkeenni akka dhaabbate yennaa dhagge, ammalle yakkaa huje. Innii fi qondaaltoti isaa mataa jabaatane. 35 Akkuma Mootiin Waan Maraa Muuse'etti dubbate, mootichi mataa jabaatee, Israa'elooti akka deemanu gad lakkisuu didate.
<- Kitaaba Seera Bayiisaa 8Kitaaba Seera Bayiisaa 10 ->
Languages