5 Achille'een duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Raachi dhufee lafa Gibxi'ii akka guutuuf, Aaron ulee ifii qabatee harka ifii laga, angure'ee fi baleessa mara irra akka diriirsu itti himi» jedhe.
6 Maarre Aaron bisaan biyya Gibxi'ii mara irratti harkaa ifii diriirse; raachille dhufee lafa san guute. 7 Worri xanoo xanulle ammoo ogummaa ifii ta dhossa'aatiin akkuma san godhane; isaanille raachi dhufee lafa san akka guutu godhane.
8 Mootichi Muuse'ee fi Aaron waamee, «Akka inni raacha kana balleessuuf, gara Mootii Waan Maraa naaf daadimadha'a; akka isaan dhaqanee, Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessanu, anille kolbaa teessan gad hin lakkisa» jedheen.
9 Muuseelle deebisee Mootichaan, «Raachi kun si'i irraa, qondaaltotaa fi kolbaa teeti irraa akka badu guyyaa ani daadimadhu ati qabadhu. Achiin duuba raachi kun si'ii fi mana keeti keessaa badee laga Nayilii keessa qofatti hin hafa» jedhe.
10 Mootichille deebisee, «Boru naaf daadimadhu» jedheen. Muuseelle, «Ka akka Mootii Waan Maraa, Waaqa keennaa tokkolle akka hin jirre akka ati beettuuf, akkuma ati jette teetuu ti. 11 Raachi si'i irraa, qondaaltota teetii fi kolbaa teeti irraa badee, laga Nayilii keessa qofatti hin hafa» jedheen.
12 Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron mooticha biraa gad bayanee, Mootiin Waan Maraa raacha mootichatti fide san akka balleessuuf, Muuseen gara Mootii Waan Maraa daadimate. 13 Mootiin Waan Maraa waan Muuseen daadimate san tolche; raachi sun manoota keessatti, badhinna dalleya keessaatii fi diida keessatti dhumate. 14 Worri Gibxi'ii raacha san wolitti qabanee tuulane; tanaaf latti ajootte. 15 Mootichi raachi akka irraa goome yennaa dhagge, mataa jabaatee, akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Muuse'ee fi Aaron dhage'iisa didate.
19 Worri xanoo xanu, mootichaan, «Kun hujii Waaqa ti!» jedhane. Mootichi ammoo mataa jabaatee, akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Muuse'ee fi Aaron dhage'iisa didate.
22 « ‹Guyyaa san ammoo, akka ani, Mootiin Waan Maraa lafa tana keessa jiru akka ati beettuuf, lafa kolbaan tiyya keessa leetu Gooshen, akka faachi achi hin jiraanne hin tolcha. 23 Ani kolbaa tiyyaa fi kolbaa teeti oddu'utti garaagarummaa hin tolcha; bilbaasi kunille boru hin te'a jedha› jedhiin» jedhe.
24 Mootiin Waan Maraa akkuma dubbate tolche. Tuuti faachaa Mana mootichaatii fi mana qondaaltota isaatitti bu'e; latti Gibxi'ii marti faachaan guutantee badde.
25 Achiin duuba mootichi Muuse'ee fi Aaron waamee, «Dhaqa'aatii biyyuma tana keessatti Waaqa keessaniif ciincaa dhikeessa'a» jedhe.
26 Muuseen ammoo deebisee «Ciincaan nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf dhikeessinu, worra Gibxi'ii biratti diqatamaa waan te'uuf, tana godhuun sirri'ii moti. Ciincaa isaan duratti diqatamaa te'e, yoo dhikeessine dhaka'aan nu hin tumanuu? 27 Akkuma inni nu ajaje guyyaa sad goomolee keessa deennee, Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf ciincaa dhikeessuu qanna» jedhe.
28 Mootichille, «Akka Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif goomolee keessatti ciincaa dhikeessitanu, ani gad isin hin lakkisa; garuu fagaattanee hin deemina'a. Anaafille daadimadha'a» jedhe.
29 Muuseelle deebisee, «Akkuma si biraa deemeen, Mootii Waan Maraa hin daadimadha. Faachi si'i, qondaaltota teetii fi kolbaa teeti irraa hin ka'a. Ati ammoo kolbaan dhaxxee, Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessiisa dhooggitee ammalle nu hin sobin» jedhe.
30 Achiin duuba Muuseen mooticha biraa deemee, Mootii Waan Maraa daadimate. 31 Mootiin Waan Maraalle waan Muuseen daadimate tolche. Faachi tokkolle adoo hin hafin mooticha, qondaaltota isaatii fi kolbaa isaa irraa bade. 32 Mootichi ammoo yennaa tanalle mataa jabaatee, kolbaa gad lakkisuu didate.
<- Kitaaba Seera Bayiisaa 7Kitaaba Seera Bayiisaa 9 ->
Languages