6 «Worri hujii harkaa beeku sun woyaa hayyumma'aa ta qomaa worqi'iin, liilana quncee talba'aa dansaa ka bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka wolitti fowameen hujanuu ti. 7 Gurmuu lamaan irra hiituu lama ta qaccee duraa fi duubaa lama wolitti hiitu qabaattuu ti. 8 Hiituun worra hujii harkaa beekuun hujante sun, akkuma woyaa hayyumma'aa ta qomaa san worqi'iin, liilana bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka quncee talba'aa dansa'aan wolitti fowantee hujantee, woyaa hayyumma'aa ta qomaa woliin tokko teetee, wolitti qassiifantee hujantuu ti.
9 «Ati dhakaa gatii guddo'oo lama fuudhiitii, maqaa ijoollee Yaaqoobii kudhanii lamaa irratti qiriixi; 10 akkuma tarree dhaloota isaaniititti, dhakaa tokkocha irratti maqaa jaa, ka hafe jaan dhakaa kaan irratti qiriixi. 11 Akkuma nama chaappaa qiriixuu atille maqaa ijoollee Yaaqoobii dhakaa lamaan san irratti qiriixi; achiin duuba dhakoota san, seesa xiyyoo worqi'ii ka daraaraa fakkaatu keessa galchi. 12 Yaadannoo ijoollee Yaaqoobii akka te'u, dhakaa lamaan san, fannoo woyaa hayyumma'aa ta qomaa irratti qassiisi. Ani Mootiin Waan Maraa yennaa mara kolbaa tiyya akka yaadadhu, Aaron maqaa isaanii gurmuu ifii irratti ba'atuu ti. 13 Ati xiyyoo seesa worqi'ii ta daraaraa fakkaattu hujiitii, 14 haachaba worqii qullu'uu, ka akka wodaro'oo fowame lama hujiitii, xiyyoo seesa worqi'ii ka daraaraa fakkaatu saniin wolitti qassiisi.
22 «Kiisii qomaa saniif seesa haachaba worqii qullu'uu, ka akka wodaro'oo fowame huji. 23 Qubeelee worqi'ii lama hujiitii roga kiisii qomaa san lamaanitti qassiisi. 24 Seesa haachaba worqii qullu'uu lamaan san, qubeelee lama ta roga kiisii qomaa irra jirtu saniin wolitti qassiisi. 25 Qaccee seesa haachabootaa san lamaan, hiituu woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta gara duraatiin jirtu ta gurmuu irra qaxxaamurtu keessa galchiitii, xiyyoo seesa worqi'ii lama ta daraaraa fakkaatu saniin wolitti qassiisi. 26 Qubeelee worqi'ii lama hujiitii, roga lama ka kiisii qomaa ka dhibi'iititti, qaccee kiisii qomaa ta gara keessaa ta woyaa hayyumma'aatitti aantee jirtutti qassiisi. 27 Ammalle qubeelee worqi'ii ta dhibii lamaan hujiitii, gara duraatiin, hiituu woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta gurmuu irra qaxxaamurtu gara jalaatiin addee hiituun woyaa hayyumma'aa ta qomaa wolitti hodhanteertuun gubba'atti qassiisi. 28 Qubeelee kiisii qomaa irra jirtu, kiisiin qomaa woyaa hayyumma'aa ta qomaatiin akka wol gad hin lakkinne, hiitu'uun wolitti qassiisiisaan, liilana bifa cuquliisaatiin qubeelee woyaa hayyumma'aa ta qomaatiin wolitti hidhi.
29 «Aaron yennaa gara addee woyyitti'ii seenu, yennuma mara ana Mootii Waan Maraa duratti akka isaan ittiin yaadatamanu, maqaa ilmaan Yaaqoobii kiisii qomaa, ta mey fedhii tiyya ittiin gaafatanu keessa jiru keessatti qoma ifii irratti ba'atuu ti. 30 Uriimii fi tumiimille[a] kiisii qomaa san keessa hin keetta; maarre Aaron gara addee woyyittii fuula ana Mootii Waan Maraa dura yennaa seenu, Uriimii fi tumiim kiisii qomaa san keessa keyatee, qoma ifii irratti ba'atuu ti.
36 «Kallacha worqii qullittii irraa hujiitii, ‹Ka Mootii Waan Maraatiif Woyyoome› jedhiitii akka chaappaa irratti qiriixanu irratti qiriixi. 37 Marata mata'aatitti qassiisiisaaf liilana bifa cuquliisaa itti hidhi. Marata san irratti gara fuula duraatiin te'uu ti. 38 Aaron kallacha san adda ifii irratti keyatuu ti; Aaron yakkaa kennansa woyyicha kolbaan Israa'elii naaf adda baachee dhikeessitu keessa jirtu hin ba'ata. Kolbaan Israa'elii ana Mootii Waan Maraa duratti fudhatama akka qabaattu kallachi sun yennaa mara adda Aaronii irra jiraatuu ti.
39 «Qoloo haga miilaa dheerattuu fi marata mata'aa quncee talba'aa dansa'aan huji; hiituun sunille ta nami hujii harkaa beeku huje teetuu ti.
40 «Ilmaan Aaronii kabajja'aa fi ulfinna akka qabaatanu, qoloo haga miilaa dheerattu, hiitu'uu fi gullee mata'aa isaaniif huji. 41 Woyaa tana obboleessa keeti Aaronii fi ilmaan isaatitti uffitteen duuba, isaan muudiitii hayyoota tolchi; hayyoota te'anee akka na tajaajilanu isaan woyyoonsi.
42 «Nafi isaanii ka hilaa akka hin mudhanne, quncee talba'aa irraa mutaandii woyaa jalaan hidhatanu ta hidha irraa kaatee haga gudeedaa geettu isaaniif huji. 43 Nafi isaanii ka hilaa mudhatee isaan akka hin duuneef, Aaronii fi ilmaan isaa yennaa gara Dunkaanii Woldeenna'aa seenanu yookiin tajaajiliisaaf gara addee woyyitti'ii seenanee gara addee ciinca'aa yennaa dhikaatanu mara mutaandii woyaa jalaan hidhatanu tana hidhatanuu ti.
- a Uriimii fi tumiim: Meya hayyooti Yihudootaa fedhii Waaqaa ittiin gaafatanu.
Languages