12 «Badhinni dalleya keessaa sun gara seensa adu'uutiin, ciqilee shantama badhatee, golla'aa fi utuboota kudhan shafee kudhan qabanu qabaatuu ti. 13 Dhuma gara ila boru'uu, karaa aduun baatuun, ciqilee shantama badhatuu ti. 14 Dheerinni golla'aa seensuma irraa gara tokkoon ciqilee kudhanii shan te'ee, utuboota sad ka shafee sad qabanu qabaatuu ti. 15 Akkasuma seensuma irraa gara kaaniin dheerinni golla'aa ciqilee kudhanii shan te'ee, utuboota sad ka shafee sad qabanu qabaatuu ti.
16 «Seensuma gara badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woyyitti'ii saniif, gollaa ciqilee diddama dheeratu, ka liilana quncee talba'aa dansaa ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'eetii fi diimaa irraa nama hujii harkaa beekuun wolitti fowamee dhowame, utuboota afur ka shafee afur qabanu qopheessi. 17 Utubooti naannoo badhinna dalleya keessaa sanii marti qubeelee meetii irraa hujante, hookko'oo fi shafeelee sageettuu irraa hujante qabaatanuu ti. 18 Dheerinni badhinna dalleya keessaa sun ciqilee dhibba, badhinni isaa ciqilee shantama te'uu ti; gollaa quncee talba'aa dansaa irraa hujame ka hojjaan isaa ciqilee shaniitii fi shafee meetii irraa hujamane qabu te'uu ti. 19 Mey Dunkaanii Woyyittii keessatti tajaajila adda addaa kennu marti, chikaalli Dunkaanii Woyyitti'iitii fi chikaalli badhinna dalleya keessaa marti ka sageettuu irraa hujamane te'anuu ti.
Languages