3 Muuseen dhaqee waan Mootiin Waan Maraa dubbatee fi seera isaa mara kolba'atti yennaa hime, kolbaan afaan tokkoon, «Waan Mootiin Waan Maraa jedhe mara hin goona» jettee deebitte. 4 Achiin duuba Muuseen, waan Mootiin Waan Maraa dubbate mara barreesse. Inni guyyaa itti aanu ganama ka'ee gaara jalatti addee ciinca'aa hujee, soodduu kudhanii lama ta gosa Israa'elii kudhanii lama bakka buutu dhaabe. 5 Achiin duuba inni Israa'eloota dargaggoota dhiiraa ergee, isaanille kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa ka Mootii Waan Maraatiif ciinceffamu dardaroota dhikeessane. 6 Muuseelle dhiiga san gamisa fuudhee qori'itti naqee, gamisa hafe addee ciinca'aa irratti dhangalaase. 7 Achiin duuba inni kitaaba Gondooro'oo fuudhee kolba'aaf dubbise; isaanille, «Waan Mootiin Waan Maraa jedhe mara hin goona; isaafille hin ajajanna» jedhane.
8 Achiin duuba Muuseen dhiiga san fuudhee kolba'atti fiffixee, «Kun dhiiga Gondooro'oo ka Mootiin Waan Maraa yennaa ajaja kana isinii kenne isin woliin gondoorate» jedhe.
9 Achiin duuba Muuseen, Aaron, Naadaab, Abiihu'uu fi jaarsoleen Israa'elii torbaatam gara gaaraa ol bayanee, 10 Waaqa Israa'elii dhaggane. Miila isaatiin jala dhakaa gatii guddo'oo ka «Safiiros» jedhamu, qulqulluu akka ol-gubba'aatitti jiraayyu. 11 Waaqi jaarsolee kolbaa Israa'elii tanatti balaa hin buunne; isaanille Waaqa dhagganee, fuula isaa duratti nyaatanee unane.
13 Achiin duuba Muuseen qarqaaraa ifii Iyaasuu woliin ka'anee, Muuseen gara gaara Waaqaa ol baye. 14 Inni jaarsolee saniin, «Haga nuuti deebinee gara keessan dhunnutti, as tura'a; Aaronii fi Huur isin woliin waan jiranuuf, nami wol dhabu yoo jiraate isaan bira dhaquu ti» jedhe.
15 Yennaa Muuseen gara gaaraa ol baye, duumensi gaara golle. 16 Ulfinni Mootii Waan Maraa gaara Siina'aa irra bu'e; duumensi sun haga guyyaa jaa gaara gollee, guyyaa torbeesso'oo Mootiin Waan Maraa duumensa keessaa Muusee waame. 17 Ulfinni Mootii Waan Maraa ibidda wo nyaatu fakkaatee qaccee gaaraa irratti Israa'elootatti mudhate. 18 Achiin duuba Muuseen duumensa keessa gara gaara ol baye. Guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama achi ture.
<- Kitaaba Seera Bayiisaa 23Kitaaba Seera Bayiisaa 25 ->
Languages