2 «Hantuu hujiisaaf namoota hedduu hin hordofina'a; addee seeraatitti namoota hedduu hordofiisaan haqa hin dassina'a. 3 Hiyyeessi muraa dura yennaa dhikaate, waan inni hiyyeessa te'eef isaaf hin rogina'a.
4 «Qotiyyoo yookiin harree diina keessanii ta balleya baddeertu yoo dhaggitane isaaf galcha'a. 5 Harreen nama isin jibbuu fe'iisa jalatti jiddeertuun yoo dhaggitane, isa qarqaara'a malee lakkittanee irra hin dabarina'a.
6 «Hiyyeessi muraa dura yennaa dhikaate, haqa isaa hin dassina'a. 7 Ani yakkaamessa akka nama yakkaa hin qanneetitti hin laakkowu; tanaaf, waan dharaa irraa fagaadha'a; nama yakkaa hin qanne yookiin nama balchaa hin ijjeesina'a.
8 «Safuun ila worra akka dansaa dhagguu waan balleessituuf, jecha worra balchoole'eelle waan micciirtuuf, safuu hin fudhatina'a.
9 «Alagaa hin cunqursina'a; isinille biyya Gibxi'iititti alagaa waan teetaneertanuuf, waan alaga'atti dhage'amu isinuu hin beettan.
12 «Guyyaa jaa hujii teessan hujadha'a; qotiyyoon teessan, harreen teessan, garbi mana keessan keessatti dhalatee fi alagaan isinii huju akka foorfatanu, guyyaa torbeesso'oo ammoo hujii hin hujina'a.
13 «Waan ani isinitti hime kana mara hubadha'a; maqaa waaqota dhibi'ii hin waammatina'a; maqaan isaanii afaan keessanille'ee hin bayin.
15 «Jila daabboo uukoo hin uukoonnee jilifadha'a; akkuma ani isin ajaje guyyaa torbeesso'oo daabboo uukoo hin qanne nyaadha'a; ji'a biyya Gibxi'ii keessaa baatane waan te'eef, jila tana ji'a ‹Abibiib› jedhamu keessa guyyaa murteeffametti jilifadha'a.
16 «Midhaan facaafattane ka mata'aa yennaa galfattanu, jila midhaan galfatiisaa jilifadha'a.
17 «Wogga'atti yennaa sad dhiirti marti Mootii Waan Maraa Goottaa dura dhikaattuu ti.
18 «Dhiiga ciinca'aa ka anaaf dhikaatu woliin waan uukoo qabu hin dhikeessina'a.
19 «Waan latti isiniif baache keessaa midhaan mata'aa ka irra caalaa dansa'aa ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif dhikeessa'a.
27 «Ani diinota keessan akka na sodaatanu hin tolcha; kolbaa isin loltanu hin joonjessa; diinoti keessan marti akka isin dheetanu hin tolcha. 28 Ani worra Hiiwotaa, worra Kana'aanotaatii fi worra Heetotaa isin duraa ari'iisaaf soonsa itti hin erga. 29 Latti ontee bineensi akka isinitti hin bacanne, woggaa tokko keessatti isin duraa isaan hin ari'u. 30 Haga isin hortanee lafa qabattanutti diqqeessee diqqeessee isin duraa isaan hin ari'a.
31 «Meessaa keessan abbaayaa diintuu[a] irraa haga abbaayaa Filisxeemotaa, goomolee irraa haga laga Efraaxiisii hin godha. Ani kolbaa lafa san keessa leetu harka keessanitti dabarsee hin kenna; isinille ifi duraa isaan hin ariitan. 32 Isaan woliin yookiin waaqota isaanii woliin woli hin gondooratina'a. 33 Akka isaan lafa teessan keessa le'anu hin godhina'a. Yoo akkas gootane, isaan akka isin na irratti cubbuu hujjanu hin godhan. Isin waaqota isaanii yoo waaqonfattane, tiyyoo isinitti hin teeti» jedhe.
<- Kitaaba Seera Bayiisaa 22Kitaaba Seera Bayiisaa 24 ->- a Abbaayaa diintuu: Afaan Ibrootaatiin abbaayaa allaadu'uu jedhama.
Languages